🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Jaalala jabeessuun Yoo qabaatte gamtaa Tokkoof lama mitii H | ͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

Jaalala jabeessuun
Yoo qabaatte gamtaa
Tokkoof lama mitii
Hundaan kabajamtaa
~
Gaafa namni hunduu
Tokkummaa lallabuu
Rakkoon lakkuu ta'ee
Takkaa falan dhabuu
~
Kallattii hundumaan
Gaafa tokko taatuu
Qofaa qofaa baasee
Bineensi sin nyaatuu
~
Dhiigaan malee tolaa
Hin fuudhan gabaatii
Roorroodhaf qorichii
Tokkummaa Sabaatii...!

Anuwar Shafi

@A4mulaa_jireenyaa