🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Masjiidni Hin Diigamu!! —————-*————- Turkitti projectiin hidh | ͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

Masjiidni Hin Diigamu!!
—————-*————-

Turkitti projectiin hidha Ilsuu Jedhamuu beeksifame.

Projectiin kun kutee kan darbu mandara Hasankiif ishee tokko. Mandara kana keessatti masjida guddaa umurii dheeraaf seenaa qabu Iyuub jedhamutu jira.
Projectiin kun masjida kana waliin akkamitti akka deemu gaaffii keessa gale.
Projectii kanaaf immoo Masjiida diiguun ulfaataa ture.

Ogeessonni mala dhahuu eegalan.
Falas qabatanii dhufan masjida toonii 4600 ulfaatu kana utuu hin tuqamin gara biraatti jijjiiruuf murteessan. Masjiida kana kaasuuf Konkolaataa goommaa 352 qabu uumame. Daandiin Asphaaltii km lama baldhatu hojjatame. Masjiidichas iddoo sadiitti qooduuf qophiin xumurame. Kutaan Masjidicha xiqqoon lamaan dursa kaafaman. Itti aansuun Kutaan Masjidichaa toonii 2650 madaalu utuu wanna tokko hin ta’in iddoo yaadametti fe’ame.

Yoo kabaja Masjidaa beekan akkana. Biyya keenyatti immoo Masjiidni biyyeetti makamaa Qur’aanni Miilaan irra deemamaa,maaliif masjiidni diigama jedhee kan gaafate hidhamaa ajjeefama. Rabbi Nagaa haa fidu!!!

@seyfal_islaam