🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Aadaa Fuudhaa fi Heerumaa (Gaa’elaa): Aadaa Oromoo keessatti | Keebar Media Network

Aadaa Fuudhaa fi Heerumaa
(Gaa’elaa):

Aadaa Oromoo keessatti seera gadaatti namni tokko yeroo umuriin isaa soddomii tokko ta’u gaa’ela ijaarrata
ture. Amma garuu umurii 18 olitti irra guddaa dargaggoo fuudhaa fi heerumaa jiru.

Gosoota fuudhaa fi Heerumaa (gaa’elaa):

1.Cidha (rakkoo):
Aadaa Oromoo keessatti maatii fi firatu ilma fuudha ga’e tokkoof hintala heeruma geesse tokko barbaada. Maatiin gurbaan mariyachuun eega barbaadani, qomoo qoratanii, murtteessu. Gurbaan erga itti amanee jaarroleen mariyatanii, jaarsa ergatu. Jaarsis beellamma gaafatee warra maatii kadhata. Yeroo kana warri hintalaa yoo itti amanan beellama laatu. Beellamma itti aanutti tole ykn hin ta’u jechuun murtoo laatu. Yoo haa ta’u jedhan isa itti aanutti beellami kan biraan
qabamee waraqaan kadhannaa kennamee, jaarroleen deddeebi’uun dubbii xumuru. Gara walakkeessaatti
gurbaan ni naqata, kun jechuu hintalaaf warqee fi uffata
erga jechuu dha. Egaa fuudha malee maaltu haferee!
Lakkii, yeroo birraan dhufu ykn ayyaanni gurguddaan dhufu maratti dibicha ,raada ykn gaala erguu qaba gurbaan. Qabeenya kana funaanuuf jecha warri hin
talaa lafarra butu. Walumaa gala aadaa/sirni kun sirna naqataa (kaadhimannaa) jedhama.

2. Ababbalii ykn Hawwee
Inni kun ammoo osoo warri hin beekiin warri walfuudhan waliif galanii walfuudhuu ta’a.

3. Sabbatmarii ykn Irra dhaaba
Gosti gaa’elaa kun ammoo osoo warri intalaa quba hin qabaatiin tasuma itti dhufanii akka aadaatti hatattamaan akka kennaniif gaafachuu fi fuudhuudha.

4. Aseennaa
Intalli manatti hafte ykn nama itti heerumuu barbaadde waan duudhaa fi aadaa guuttattee mana warra gurbaa dhaquudha.

5.Butii
Butiin fedhii fi beekumsa intalaa malee humnaan fuudhuudha. kuni amma waan seeran dhoowwameef hafaa dhufeera.

6.Dhaala: Inni kun yeroo obboleessi ykn abbaan manaa
fira ta’e akka tasaa du’u nami tokko itti darbee haadha
warraa nama du’ee sanaa fuudha. Kun manni nama
sanaa ykn matiin isaa akka hin facaaneef gargaaruuf
jecha kan ta’uu dha.

Madda; Google media
Gulaalaan; Toofiq Ahimad.
@keebari