Get Mystery Box with random crypto!

#Dimokraasii Lubbuu kee kalaqnee Addunyaatti si finnee Kudraa | Keebar Media Network

#Dimokraasii

Lubbuu kee kalaqnee
Addunyaatti si finnee
Kudraa si nyaachisnee
aannan si obaasne
Malee nu maal si yakkine?
Maal si dhoowwanne?
Mee naaf himi!
Maal sirraa hanqisne?
Akka ol guddattuuf
Hunduma sii laannee
Suma nama gochuuf
Gubannee quncaanee
Manaa duwwaa taanee
Humnaa burkutoofne
Marri haa sibaruuf
Du,a si oolchine.
..................................
Atimmoo garuu
..............................
Biyyi sibarraan
Barartee imaltee
Mana sii laannaan
Kan kee, keenya ni lagatte
Otuu nu si waamnuu
Otuu siif dhumannuu
Callistee nu laalte.
..............................
Haalli kun maaliidha?
Yakkinus maaliidha?
Namichoo yaa firaa
Tokkon si gaafadhaa
Gadaameessa foon ofii
Namni akkasuma godhaa?

?????????????????????

Mee naaf himi jaaloo
Na dubbisi maaloo!
Waamicha kee baane
Laftis hin bariituu
Bariinsaa yoomiidha?
Kan mana kee dhunftu?

Toofiq Ahimad(mullisaa)