🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Ministeerri Barnootaa qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa milk | 💻 Barannoo Tech 💻

Ministeerri Barnootaa qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa milkiin akka xumuramuuf hunduu gahee isaa akka bahatu waamicha dhiyeesse.

Ministeerichi qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa ilaalchisee qaamolee garagaraa waliin marii taasiseera.

Marichaan Ministirri Barnootaa Dooktar Injiinar Geetaahuun Makuriyaa qormaatichi yeroo qabame keessatti akka xumuramuuf qaamoleen hundii gahee isaa bahachuu akka qaban ibsaniiru.

Daayreekatarri Olaanaan Ejansii madaallii fi qormaataa barnoota biyyaaleessaa Dooktar Dilaamoo Otaree gama isaaniin, qormaatichi yeroo jedhametti milkiin akka xumuramuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Gurraandhala 21-26, 2013tti hojiin meshaaleen qormaata rabsuu akka raawwataman ibsuun, qormaatichi Gurraandhala 29, 2013 eegalee akka laatamu eeraniiru.

#Tikvah #moe
#GadaaMagazine