🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

#Dhimma telebirr kana irratti hubannoo ni laanna jennee turre, | 💻 Barannoo Tech 💻

#Dhimma telebirr kana irratti hubannoo ni laanna jennee turre, Maatiin keenya hedduunis akka hubannoo sana barbaadn yaadaafi mallattoonis nuu ibsaa jiru.

#Kanuma irraa ka'uudhaan hamma tokko nutis waan hubanne isin hubachiisuuf qophiidha.

#Garuu kan beekuu qabdan wanti kuni haarawa, Telenis odeeffannoo haarawa jaljalaan kennaa jira malee hanga ammaatti odeeffannoon guutuun waan kennamee miti, ammatti accountii isaa banattanii waan irratti dabalamu jaljalaan hordofaa deemuun barbaachisaadha.

#nutis odeeffannoon haarofti yoo jiraate jalajalaan isiniin geenya.

#waa'ee isaas, kutaaleen qoqqonnee dhiheessina.

jalqabaa maalummaa #telebirr.

kutaa lammaffaan ammoo akkaataa Account #telebirr itti bannu ilaalla.

Kutaa 3ffaa keessatti wantoota #telebirr of keessa qabu, maal maal fa'a hammate kan jedhu ilaalla.

Kutaa xumuuraa fi 4ffaa irratti gaafilee barbaachisoo gama keessaniin ergamanii fi kan beekuu qabdan jenne yaannu isinii dhiheessina.