🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

- Lakkoofsi IMEI maali? - Bilbila bade argachuuf nu gargaaraa | 💻 Barannoo Tech 💻

- Lakkoofsi IMEI maali?
- Bilbila bade argachuuf nu gargaaraa?

Lakkoofsi IMEI (International Mobile Equipment Identity) jedhamu lakkoofsa addaa bilbila hundaan wal qabateedha. Lakkoosfi kun baay'inni isaa dijitii 15 yoo ta'u, yeroo ariifachiisaa keessatti baay'ee barbaachisaadha.

Lakkoofsi IMEI lakkoofsa MEID jedhamuunis ni beekama. Lakkoofsi IMEI ykn MEID wal fakkaataan hin jiru. kuni immoo bilbila badu/hatamu irra gahuuf mala dhumaa ta'ee jira.

Lakkoofsi addaa kun bilbila haaraa hundaaf muudameera. akkasumas SIM card waliin wal qabatee jira. Kanaafuu, yoo bilbila dual-SIM (kan siimii lama fudhatu) faayyadamta ta'e, bilbilli kee lakkoofsa IMEI lama qaba jechuudha.

Bilbilli kee yoo bade/hatame karaalee adda addaa gargaaramuun carraan bilbila sana argachuu ni jiraata. Fkn; kaampaanii bilbila kee oomishe yoo quunnamte si gargaaruu danda'u. akkasuma, poolisoota naannoo keetii yoo quunnamte si gargaaruu danda'u. kan si gargaaran immoo yoo ati lakkoofsa IMEI qabaattedha. Biyyoota gurguddatan tokko tokko keessatti website lakkoofsa IMEI report irratti godhamu ni jira.

Lakkoofsa IMEI qofaan bilbila na jalaa bade irra gahuun danda'aa?

Ati lakkkoofsa IMEI qofa beektef bilbila tokko irra gahuu hin dandeessu. Qaamota olitti jenne gargaarsa gaafachuu si barbaachisa. qaamonni kun si gargaaruf haal-duree adda addaa si gaafachuu danda'u. Fkn; Abbummaa bilbila sanaa nuuf mirkaneessi jechuu, akkasuma; maalif bilbila sana argachuu akka barbaaddes si gaafachuu danda'u. Sababni; dogoggora ati dalagdeef bilbilli kee si jalaa bade/hatame waan ta'eef yeroo siif kennuu hin barbaadan.

Garuu; poolisoonni yakki hamaan bilbila keetin wal qabatu yoo raawwatame bilbilaaf jecha osoo hin taane namicha yakka raawwate adamsuuf mala kana gargaaramuu danda'u. isaanis kana gochuuf lakkoofsa IMEI sihirraa fedhu.

Amma barbaachisummaa lakkoofsa IMEI hubanne fakkaata. sababa kanaafis ta'ee kan birootif yeroon itti si barbaachisu dhufuu danda'a. kanaafuu; har'uma beekii ol kaayadhuu siif dhaamna.

Qabxiilee sadi lakkoofsa addaa kana argachuuf nu gargaaran haa ilaalluu. yoo bilbilli kee badellee argachuu ni dandeessa. (+screenshot)
https://oromiasamsung.com/lakkoofsi-imei-maali-bilbila-bade-argachuuf-nu-gargaaraa/