Get Mystery Box with random crypto!

Eenyummaa kee gama intarneetaan dhoksuuf wantoota gochuu qabdu | 💻 Barannoo Tech 💻

Eenyummaa kee gama intarneetaan dhoksuuf wantoota gochuu qabdu

Yeroo ammaa kanatti eenyummaa ofii internet irratti dhoksuun baay'ee gaariidha. Kaampaaniileen fi namoonni dhuunfaa tokko tokko eenyummaa kee hatuun dhimma adda addaatiif itti fayyadamuu danda'u. Kun immoo sirratti miidhaa geesisuu danda'a. Sababa kanaafis tahee; kanneen biroo hedduuf eenyummaa kee kan internet irraa awwaaluun baay'ee barbaachisaadha.

Kanaafuu; karaalee an armaan gaditti barreessu kanneen fayyadamnee eenyummaa keenya kan interneetii irraa dhoksuu ni dandeenya jechuudha. Mee isaanis akka armaan gadii kanatti haa ilaalluu.

1. Miidiyaa hawaasaa kamiinuu keessaa bahii/logout/ godhii, cookie balleessi

Cookie yeroo hedduu web browser keessatti kuufama. Cookie keessatti odeeffannoolee kee kan akka IP waan keessatti kuufamuuf; kaampaanileenis haa tahuu; namni dhuunfaa tokko akka salphatti faana kee dhahuu danda'a. Kanaafuu; web browser keessan keessaa cookie balleessaa!!

2. Proxy fayyadamuu

pirooksiin too'annoo sadarkaa lammaffaa irra kaa'amuudha. Pirooksii fayyadamuudhaaf sooftiweerii addaa isin hin barbaachisu; qajeelumatti; gara marsaa isaanii deemuudhaan; website barbaaddan keessatti barreessuudhaan fayyadamtu. Marsaalee muraasa tajaajila proxy isiniif kennan google irra barbaaduudhaan itti fayyadamuu dandeessu.

3. TOR fayyadamuu

Tor sooftiweeriidha. IP kee dhoksuudhaan; marsaalee kamiiyuu akka ati fayyadamtu godha. Innis akka proxy dhaatti tajaajila siif kenna. Tor'n hidha kana irraa buufachuudhaan itti fayyadamuu dandeessu.

4. VPN fayyadamuu

VPN'n dhoksituu eenyummaa keetii isa guddaa fi filatamaadha. Ogeessota, ogummaa gahaa qabaniin waan saganteeffameef; biyyoota adunyaa kamiinuu keessattuu ni hojjata. Isinis; VPN; gaarii tahan hedduu isaanii google irra barbaaduun buufachuudhaan; itti fayyadamuu dandeessu jechuudha

Ulfaadhaa! #Aliifuu