Get Mystery Box with random crypto!

#Hiikkaan google Afaan Oromoo sadrkaa kam irra jira? Sadarkaa | 💻 Barannoo Tech 💻

#Hiikkaan google Afaan Oromoo sadrkaa kam irra jira?

Sadarkaa Addunyaatti Afaan Oromoo Afaan saayiinsii fi Teknoolojii akka ta’uuf hojjatamaa jiraachuu hirmaattonniifi qindeessitoonni hiikkaa Google Afaan Oromo dubbatan.

Ogeessi ICT fi hundeessaan Maarsariitii Oroict Abdiisaa Baancaa Jaarraa “afaan Oromoo Afaan Saayinsii fi Teknolojii akkasuma afaan hojii dhaabbiilee idil-addunyaa kanneen akka Google, Inistigraam, Telegramii fi Metaa gochuuf hojjatamaa jira” jedha.

Afaan Oromoo Afaanota Gurguddoo Addunyaa 109 tti makamee tajaajila kennuu jalqabuuf jechoonni afaan Ingilizii Miliyoona 1 fi isaa ol Afaan Oromootti yoo hiikamaniidha. Kana milkeessuf Namni Jechaa fi Hima Afaan English gara Afaan Oromootti hiikuu danda’u kamuu irratti hirmaachuu ni danda’a. kanaaf immoo dhaabbanni Google haala mijeessee jira waan ta’eef toora ykn Onlin irraan hiikuun ni danda’ama.

Dhaabbanni guddaan addunyaa Googiliin afaanota laga qaxxaamuran afaan hojii isaa taasifachuuf murteessuu hordofee Afaan Oromoo akka afaan dhaabbatichaa ta’u gaafataa turre kan jedhu Abdiisaan, yeroo ammaa hayyama argachuun bara haaraa faranjoota 2022 kana keessa Afaanota 25 Googilii irratti tajaajila kennan keessa afaan Oromoo isa tokko ta’u dhaabbatichi isa tibbana baaseen beeksisuu ibse Abdiisaan. Kanaanis yeroo ammaatti Afaan Oromoo google Translet irraan gara beta ykn sadarkaa shaakalaaf dhiyaachuu irra gahee jira, kanaaf Maatiin afaanii hundumtu achirra galee hiiku akkasuma jechoota ykn gaalewwan hiikamn yoo sirrii ta'an mirkaneessuu fi yoo dogongora qabaatan akka sirraayyu gochuu dandayu.

Afaan Oromoo tarree Afaanota guddatanii hiriirsun hojii namoota muraasaa miti, ykn kan dhaabbata tokkoo miti kan jedhu Abdiisaan dhimmichi nama afaan kana haasayu hunda ilaallataa jedha.