Get Mystery Box with random crypto!

#Scholarship #Simrat_Abiyyuu Simrat Abiyyuu jedhamti, dhalatt | Biiroo Barnoota Oromiyaa(Oromia Education Bureau)

#Scholarship #Simrat_Abiyyuu

Simrat Abiyyuu jedhamti, dhalattuu magaalaa Jimmaa, dhimmoota waytaawaafi waa’ee biyyaarratti xiyyeeffachuun walaloo afaanota sadiin (afaanota Oromoo, Amaaraafi Ingiliziitiin) waltajjiilee gara garaarratti dhiyeessuun beekamti.

Barumsashiitin cimtuufi sadarkaa gara garaattiis kan badhaafamte, dandeettii walaloo qabduunis sadarkaa godina Jimmaafi Naannoo Oromiyaattis beekamtiifi ambaasaaddarummaa argatteetti.

Kora biyyaalessaa Yunivarsiitiin Jimmaa dhiyeenya kana Ministeera Saayiinsiifi Barnoota Olaanaa waliin tahuun qopheesserratti walaloon dhiyessitee dinqisiifannaa olaanaa argamsiiseef.

Maqaa Yunivarsiitii Jimmaatin waada gara garaa seenameefi ture. Koreen hojii raawwachiiftu yunibarsitichaatis torbee darbe walga’ee kallattii waadaan galame ittiin raawwatamu kaa’eera.

Haaluma kanaan:

1) Ji’a Fulbaana 2013 irraa eegalee hanga barnoota ishii xumuurtutti kafaltii barnootaa ji’atti Qr 1000 akka kaffalamuuf (maatii ishii waliin mari'achuun)

2) Barnoota yammuu xumuurtus haalduree tokko malee Yunivarsiitii Jimmaa galtee akaakuu barnootaa filattuun akka barattu

3) Dandeettii ishii akka jabeeffattus carraa iskoolaarshippii Hacaaluu Hundeessaa isa jalqabaa haala itti badhaafamtu akka kaadhimamtu (seera bahuun)

4) Miseensa kabajaafi ambaasaaddara yunivarsiitichaa argattee waajjiraalee dhimmi ilaalu waliin akka hojjattu, taalentiifi danddeetti qabdu akka gabbifattu deeggarsa ogummaa, tajaajila mana kitaabaafi laaboraatoorii akka fayyadamtu

5) Sagantaalee gurguddoo yunivarsiitichi qopheessu irratti dandeettii aartiifi barruu qabdu hawaasaaf akka dhiyeessitu murtaa’eera.

Yunibarsiitiin Jimmaa guddattoota akka Simrat dandeettii addaa qaban deeggaruun itti gaafatamummaa hawaasummaa irraa eegamu cimsee bahachuu kan itti fufuufi kaayyoon Iskoolaarshiippii Hacaaluu Hundeessa yunivarsiitichi bara kanarraa eegalee hojiirra oolchuuf hundaa’es kanuma ta’uu isaa ibseera.

@BirooBarnootaOromiyaa
@BirooBarnootaOromiyaa