🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Barnoota Oromiyaa fooyyeessuf tarkaanfiiwwan addaa torba (7) f | Biiroo Barnoota Oromiyaa(Oromia Education Bureau)

Barnoota Oromiyaa fooyyeessuf tarkaanfiiwwan addaa torba (7) fudhataman

Oromiyaan bara kana barattoota miiliyoona 11.2 oli manneen barnootaatti ergitee barsiifti. Qulqullinaa fi qaqqabamummaa barnoota naannichaa fooyyessuuf tarkaanfiiwwan addaa gurguddaan torba fudhatameera!

. Barnoota Gadaa

Bara kana barnootni sirna Gadaa akka gosa barnoota tokkootti barattoota kutaa 1-8ffaatiif ni kennama. Kana milkeessuufis kitaabotni barattootaa fi qajeelcha barsiisaa maxxanfamanii raabsamaa jiru.

. Barnoota Afaanota addaa addaa

Tokummaa sab-daneessummaa biyyaa akkasumas
obbolummaa ummatoota biyya Itoophiyaa dagaasuu fi bara kana godinaalee daangaa Somaalee fi Affaar jiranitti barnootni Afaan Soomaalee fi Afaan Affaar ni kennama. Addemsa keessas afaanotni biroo kan dabalaman ta’a. Barnootni Afaan Oromoo naannoolee biyyatti hunda keessatti akka baratamus BBO deeggarsa addaa taasisaa jira.

. Daree dabalata ijaaruu

Manneen barnootaa naannoo Oromiyaa keessa jiran sadarkaa isaanii fooyyeessuuf daree dabalata 30,000 manneen barnoota sad.1ffaa keessatti ijaaruuf karoorfamee dareen dabalata 34,247 hirmaannaa ummataatiin ijaaruun dandaa’amee jira. Kunis hira daree barataa 1:60 kan ture gara 1:40tti akka fooyya’uu taasisuudhaan barnoota qulqullina qabu kennuuf haala mijaa’aa uumee jira.

. Aadaa dubbisuu fooyeessuu

Aadaa dubbisuu barattootaa foyyeessuuf manneen barnoota sad. 1ffaa hunda keessatti gaaddisa dubbisa lama lama (two Reading Corner for each school) akka qophaa’u ta’ee jira. Manneen barnoota 8,250 keessatti mana dubbisa (library) tokko tokkoo banuuf karoorfamee manneen barnootaa 5,481 keessatti mana dubbisa banuun danda’ameera. Akkasumas mana dubbisa uummata 560 banuuf karoorfame hanga ammatti manni dubbisa uummataa 345 banameera. Manneen dubbisa kanaaf kitaabota 1,210,407 tola ooltota irraa walitti qabuun manneen kitaabota banamaniif raabsuun danda’ameera.

. Manneen Barnoota Addaa (Special schools)

Barattootni kutaa 9 jalqabanii kan barumsa isaanitti baay’ee cimaa ta’ani barsiisoota ciccimmoo ta’aniin kan itti baratan mana barumsa addaa godinalee fi bulchiinsa magaalota tokko tokkoo banuuf karoorfame hojjatamaa tureera. Sochiin hanga ammaatti godhameenis hojiin godinaaleefi bulchiinsa magaalota 26 (godinalee 19 fi magaalota 7 keessatti) keessatti hojiin qabatama barsiisota filachuufi mana barumsa addaan baasani qopheessuun raawwatameera. Bara kana Manneen barnoota addaa 40 banuudhaan barattoota kutaa 9 ciccimoo ta’an bariisoota filatamaniin barsiisuun ni eegalama.

. Pirojektii Ifa Boruu

Manneen barnoota sad.2ffaa qaqqabama gochuun hirmaannaan barattoota sad. 2ffaa ol kaasuuf kan gargaaru pirojektii ifa boruutiin manneen barnootaa sad. 2ffaa 100 ijaaruuf hojii qabatama keessa galameera. Akkasumas barattootni kennaa addaa qabaniifi barumsa isaanittiin ciccimmoo ta’ani kan itti baratani manneen barnootaa bulti addaa 7 ijaarama jira. Manneen barnoota kun ji’oota 7 keessatti xumuramanii tajaajilaaf akka qophaa’an hordoffiin cimaan taasifamaa jira. Pirojektiin kun bajata mootummaa qarshii biliiyona 4.9n ijaaramaa jira.

. Barattootaaf nyaata dhiyeessuu (School feeding)

Bara kana Godina Addaa Oromiyaa Naannoo Finfinnee guutummaatti akkasumas aanaalee gammoojjii hanqina midhaan nyaataa qaban 20 keessatti barattoota sadarkaa 1ffaa barataniif dhiyyeessiin nyaataa (School feeding) ni taasifama.

@BirooBarnootaOromiyaa
@BirooBarnootaOromiyaa