Get Mystery Box with random crypto!

Seenaa kilaba Baayer Liiverkusan keessatti waancaa buundasliig | Burqaa Ispoortii

Seenaa kilaba Baayer Liiverkusan keessatti waancaa buundasliigaa jalqabaa injifachuuf fiixeerraan kan gahe leenjisaa Jaabii Aloonsoo fudhachuuf Liivarpuuliifi Baayer Muniik morkiitti akka jiran pireezidantiin kabajaa Baayer Munik Ulii Hoonees beeksisan.

''Aloonsoon kilaboota gurguddoo leenjisuu nama danda'u akka ta'e agarsiiseera,'' kan jedhan pireezidantichi Munik safartuu kilaboota gaggaariiti jedhaniiru.

Baayer Munik leenjisaa Cheelsii duraanii bara darbe leenjisummaan fudhate Tomaas Tuheeliin gaggeessaa jira.

Liivarpuulis dhuma bara dorgommii kanaatti leenjisaa isaa baroota saddeet darbiin ''boqonnaan barbaada'' jedhan dhabaa jira.

Lammiin Ispeen Aloonsoon, Liivarpuuliifi Baayer Munikiif taphateera.

Leenjisummaanoo kilaba isa kam filata?


             Ⓢⓗⓐⓡⓔ
        @BurqaaIspoortii
         @BurqaaIspoortii