Get Mystery Box with random crypto!

eessatti sochii qabsoo Bilisummaa Oromoo jalqaban QEERROO GANA | ancient history of oromoo and oromia

eessatti sochii qabsoo Bilisummaa Oromoo jalqaban QEERROO GANAMAA ja’amuun beekamu ture. Kanatti Aanseeti ture gaaddisaan ummata Isaa yoo qabsoof kakaasu fi tooftaa qabsoo gorsu;-

“Qeerroon mataa tuutaa
hin jarjartuu suutaa
aduun takka dhiite
Takkaas nuuf bariite
Kan akka keenyaa hin jiru
Kan Gabrummaan miite....” jadhe sirbee, yeroo sanitti ummata Oromoo baayyeen gara qabsooti kan soossoossuu danda'ee.

Wayanne fi Xirroo gandi jadhamee beekamu iddoo dhaloota Gaadisaati Abdulaahii ti. Lolli Xirroo hogu gaggeefamu fi lola saniin wal qabatee dararaa yeroo san ummata oromoo toora Carcarirra gahaa ture nama ijaa fi gurraa qabu ture Gaadisaa Abdullaahi. Akkumma Elemoo faan warreegamanitti innis qabsoo jalqabame itti fufuu akka qabu murteessee qabsooti seene. Jaarmaya Dhaaba keessatti makamuun, gaafa Meeyraan(Mahaammadzaakir Sheikh Umar) biyya Soomaalee dhaqee deeggarsa meeshaa warraanaa mootummaa soomaalee akka kadhatu murtaa'uu, namni hanga Hararghee Bahaa Koomboolchaati akka Meeyraa qajeelchu godhame Gaadisaa dha ture.

Artist Gaadisaa Abdullaahi Qabsa’aa dha. Sababa qabsoo inni saba isaatiif taasisuun, yeroo addaa addaa harka mootummaa diinaa bu’ee hidhamaa ture. Roorroo irra gahaa ture irraa kan ka’e gara biyya ambaati baqachuuf kan dirqame yoo tahu, Gaadisaan erga biyya ambaa dhaqees qabsoo sabaa jalaa nama guyyaa tokkolee hafee hin beekne, osoo imaan oromoo irraa haalli hin jijiiramin ani fuudhee bultii hin jaaruu, gabrummaa ilmaan hin dhaalchisu jadhe hanga bara 2019ti oso bultii hin godhatiin kan ture gootaa fi murataa namaa ti.

Wallistoota sirba qabsoo bilisummaa Oromootiif jalqaba wallisanii, ummata ofii sadarkaa ol’aanaati dammaqsanii sochoossuu dandayyan muraasa keessaa Gaadisaan nama adda duree tahuu dandayyee dha. Goota gaafa xiiqii, Kutataa, Murataa fi qabsaa’aa hangafaa Kanas ummata Oromootiif kan gumaachan #warra_Ituu_Waayyeeti.

3. #Huulloo_Wadaay_fi_Ancaar.

Huulloo Wadaay fi Hancaar Wadaay Obboleeyyani. Hancaar Wadaay obboleessa Huulloo_Wadaay xiqaadha. Huulloo Wadaay Damiina Ituu Waayyee Beekamaa ture Bara mootummaa Haayilasilaasee keessatti. Bulchinsa Xaaliyaan booda, Huulloo Wadaay fi Obboleessi isaa Ancaar Wadaay Mootummaan Haayilasilaasee gaafa Lafa jiidharraa Oromoota Ona Ituu Naannoo Carcar buqqissee, qubatoota biroo fagoo fidee qubsiisuu yeroo jalqabu sanitti, Oromooni Ituu Maaliif dhiibamu?. Matootii ykn Damiinootii abbaa Onaa tahan osoo hin mari’achiisinii fi hin hirmaachisin, Ituu dhiibaa qubsumti gaggeefamu kan tahe jadhamee ummata walitti buusu, aadaa fi haala jiruu fi jireenya hawaasa Carcar kan boocolu waan tahef ni Moormina jechuni ture Haayilasilaasee dura dhaabbatanii qabsaa’uun jajjabee ilmaan ummataa tahu goota mirkaneessanii dha.

“Caasaa Bulchinsa Mootumma Ona Carcar keessatti hirmaachissummaan Oromoota Ituu hin jirtu. Ona ofii irratti amba nu godhun kun gabrummaa dachaa tan lammaddaati” jechuun, sochii mootummaan gaafasii #Ituu_siyaas_Diinagdeerraa ala gochuuf taasisaa ture dura dhaabatan. Gabaabumatti Huulloo fi Ancaar roorroo caasaan mootummaa Haayilasilaasee ummata isaaniirratti gaggeessan irratti qabsaa’uuf daggala biyya Huulloo seenuun, mootummarratti shiftoomuu isaaniitiin beekamu.

Sochiin isaan itti turan tan deegarsa hawaasa Ituu bal’oo qabdu waan tahef mootummaan Haayilasilaaseetis boodarra isaan lachuu araarfachuuf dirqame. Ancaar Wadaay bulchaa biyya Huulloo gochuun, Huulloo wadaayi fi Oromoota Ituu kan birootifis lafa babal’oo daaroo labuu keessatti “marra’uun”, siyaasaa fi Diinagdee keessatti akka hirmaachissee araarfattu gootota mootummaa Haayilasilaasee Dirqisiisanii dha. Gootota Obboleewwan Ituu waayyee kan mootummaan Fiiwudaala (Abbaa Lafaa) ofirraa sodaachaa ture, Asxaa boona Oromoota Ituu warra tahuu danda’ee, ilmaan Qaqaalii Waayyee ti.

4. #Husseen_Huulloo_Wadaay

Akkumma Abbaa isaa Huulloo Wadaay, Akkumma Ibidda isaa ilmaan Ituu Waayyeeti, Onnee qabsaa’ummaa wajiin nama uumame dha. Husseen Huulloo Wadaay qabsaa’aa mirga ilmaan Oromooti. Namoota bifa hammayyaatiin qabsoo Adda Bilisummaa Oromoo eegalan keessaa tokko d