Get Mystery Box with random crypto!

ha. 1973 akka faranjiiti, Bara dhukkaasni sochii qabsoo bilisu | ancient history of oromoo and oromia

ha. 1973 akka faranjiiti, Bara dhukkaasni sochii qabsoo bilisummaa oromoo yeroo duraatiif Carcaritti Elemoo Qilxuu fi Hundee Dhaabaa tiin jalqabamu, jajjabee ilmaan Oromoo humnaa fi qabeenyaaanis sochii san duubaan turan keessaa tokko Husseen Huulloo ti.
Gootni kun gochaa fi qabeenyaanis qabsoo san keessatti guddaa hirmaachaa waan turef, warreegamuu Elemoo Qilxuu Fi Hundee Dhaabaa booda Oromoota 70n magaaloota Carcar keessaa too’annoo mootummaa Darguu jalatti kufan keessa tokko ture. 70n keessaa isa dabalatee namoota 12 Murtii Yakka ol’aanaa akka itti kennamu jechun magaalaa Harar geefamanii, mana hidhaa awuziinitti hidhaman. Meeyraa Fi Husseen Huulloo dabalatee namoota 4 Hararirraa gara magaalaa Finfinee geeyfamanii Mana hidhaa keessatti dararaa fi gidfiraa hamtuun irra geesse. San booda mana hidhaati baduun, qabsoo abbootiin isaanii jalqaban akka hin qancarre itti fufsisuuf Daggala Baha Oromiyaati dacha’ani. Seenaa Husseen Huullootis fuuldura qoranne kan isiniif dhiheessinu yoo tahu, goota lubuu fi qabeenya isaatis ummata ofiiti hin qusanne , qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti hangaffa tahe kanas, Ona Ituu warra Waayyeeti Ummata Oromootiif arjoome.

5. #Sheikh_Amiin_Ibroo

Sheikh Amiin Ibroo Sa'iid Haamid jajjabee Carcar kan Warra Ituu Waayyee .
Sheikh Amiin Ibroo Aalimaa fi Hayyuu beekkamaa yeroo ammaa ummanni Muslima biyya tanaa ni qabu ja’aamanii sadarkaa duraa irratti maqaan isaanii yaamamu keessaa tokko dha. Kan dhalatan Baha Oromiyaa, Carcar, Ona Waayyee toora Kootoraa ti.

Sheikh Amiin Ibroo Aalima beekkamaa, Abbaa Ulamaa'ii (Barataa Sheikh Abdullaahi Tuqoo) kan tahan Sheikh Aadam Caffee irratti wagga dheeraaf kan baratan yoo tahu, Daayiraktara Da'awaa amantaa Islaamaa biyyi tun qabdu dha. Kana malees Sheikh Amiin akkumma warra isaanii hayyuu dha. Nama dubbataa dubbii beeku, kan yoo dubbate nama amanaiisuu (Orator) dha. Yeroo ammaa kanatti Sheek Amiin Ibroo Duree imaamoota Islaama Naannoo Oromiyaa ti. Sheikh Amiin ummata muslimaatiin itti gaafatamummaa sadarkaa kanatti itti kennamee filatamuun isaanii, hayyummaa fi gahumsa cimaa inni qabu kan agarsiisuu dha. Gara Amantii muslimaatiinid Sheikha, Daa’ii cimaa sadarkaa adunyaati fudhatama horate kana kan ummata Oromooti fi ummata islaamaatiif arjoome, Ona Ituu, Warra Ituu Waayyee ti.

Kaneen ani dagadhe isin itti dabalaa
Horaa Bulaa