Get Mystery Box with random crypto!

Biyyi Afran Walisoo lookoo sagal qaba. Gosni Caboo ENYUU? DUBI | ancient history of oromoo and oromia

Biyyi Afran Walisoo lookoo sagal qaba.
Gosni Caboo ENYUU?
DUBISSAA MEE! DABALATAANIS KAN AFEEFI WAAN BEEKITANI NUUF SHARE GODHAA!
Miseensota mandhee tanaa, hunda keessaniif durseen nagaa fi nageenya hawwa!
seeneen wanna tokko tokko ibsuuf yaala. Mootichi Oromoo Walloo sun, Mikaa’el erga dirree Duula Sagaleetti waraana Amaartota Shawaa, kan maqaa Abasiiniyaatiin of-waaman saniin boojiyamee booda, gara mana hidhaatti ergame. Kubeen ( kuusaa beekumsaa – “encyclopedia”) “Wikipedia” akka nuuf ibsetti: “Mikael was captured and put under the supervision of Fitawrari (“Commander of the Vanguard”) Habte Giyorgis, who confined on an island in Lake Chabo in Gurageland.”) , jedha. Eenyummaa Fitaraarii Habte- Goorgis kanatti booda deebinaa, mee amma waayee bakka mootichi Walloo itti-hidhame kanaa waa haa qulqulleeffannu! Achumaan waan hedduu seenaa Oromoo naannoo kanaa, irratti waa jedhamaatii:
Dursee “in Lake Chabo in Gurageland.”, jedhame kun dubbii sobaati. Harri Caboo jedhamu, Biyya Guraagee keessatti ibsaanuu yoo barbaadame kan argamuu miti. Harri Caboo Biyyaa Oromoo keessattis, Biyya Amaaraa keessattis, addunyaa tana keessattis gonkumaa kan argamuu miti. Harri Caboo kan Biyya Guraagee keessaa jedhame kun, sammuu warra barreeffata kana bacancaree keessatti bacancaramee kan argamu duwwaa dha. Mee silaa barreeffamni kun waan “Caboo” jedhamu kaasee jiraa, isa irraa ka’uun harawwan (“lakes”) naannoo Caboo-tti dhiyaachuun argamanii haa barbaannu. Dursee Caboon kun maqaa gosa Oromoo kan Caboo jedhamuu fi biyya gosni Caboo kun irra qubate, tahuu isaa haa qalbeeffannu.
Gosni Caboo gosoolii Oromoo kan Sadan Liiban jedhamaniin karaa hundaan daangeffameetoo argama. Sadan Liiban jechaan ilmaan Liiban Maccaati. Liiban ijoollee Maccaa kanneen Shanan Maccaa jedhaman keessaa isa angafa. Liiban kun ilmaan sadii: Ammayya, Walisoo fi Kuttaaye hore. Ammayyi immoo ilmaan jaha waan horeef, Ja’an Ammayyaa, Waliso waan ilmaan afur waan horeef Arfan Walisoo, Kuttaaye ilmaan torba waan horeef Torban Kuttaayee jedhamanii beekamu.
Erga ijoolleen Raayyaa Walaabuu Odaa lamaan, jechuun: Tuulamni fi Macci walitti booyaa nagaan addaan bayanii, Macci naannoo Odaa Nabee irraa ka’uun, Korma Araaraa san ordofee gara baha biiftuutti qajeeluun dursee, naannoo amma Macca jedhamuu, jechuun naannoo magaalaa Giincii qubate. Naannoo mataa Laga Awaash (naannoo lagni kun irraa ka’u) jechaa dha. Achi irraa ka’uun Macci babaldhatee lafa hin qabatamne qabachaa, karaa lixaatiin Beegii fi Muggii irraan dabree hamma daangaa Sudaanitti, karaa kabaatiin hamma Goojjam (“biyya goojamaa”) walakkaatti, karaa kibbaatiin hamma Laga Gojobitti qubate. Akka aadaa Oromootti ilmi angafni qeyee abbaa fi naannoo sanitti hafa. Qixisuun immoo dabreeti, laga ceyeeti biyya hin qabatamne, dachee adiyyoo taate irra qubata. Kanaaf, ilmaan Maccaa keessaa angaftichi jechuun Liiban naannoo-dhuma obboleessa Maccaa, naannoo Tuulamaatti hafe. Egaayyis, harra Macca hundumaa keessaa Sadan Liiban kun, ilmaan Sadeen Tuulamaa keessaa: Sooddo, Bacho, Ada’a Bargaa fi Ada’a Waayyuu wajjin wal-daangessa.
Biyyi Sadan Liiban kun Laga Abbayaa irraa hamma daangaa Biyya Guraageetti, magaalaa Barooddoo ishii Olonkomii fi Giincii jidduu jirtuu irraa hamma lagattii fi magaalaattii Baabbichaa kan naannoo Geedoo fi hamma Tulluu Jibaatitti argama. Bakka dur yaa’iin Sadan Liiban haramee bayuun itti walgawu, kana irraa ka’een kan Haroo Hara Liiban jedhamuuyyu, kan amma Haroo Wancii jedhamu irra gara kaabaatti hamma Laga Abbayaatti kan qubate Torban Kuttaayee-ti. Karaa kibba-lixaatiin Ammayyatu qubate. Karaa bahaa fi kibbaatiin Afran Walisootu qubate. Lafa hedduu xiqqoo takka irra Haroo Hara Liiban kana irraa, karaa kibbaatiin gosni Oromoo kan Caboo jedhamu qubatee argama.
Caboon karaa kaabatiin Torban Kuttaayeetiin, karaa lixaatiin Jahan Ammayyaatiin, karaa bahaa fi kibbaatiin immoo Afran Walisootiin daangeffama. Lafti xiqqoon Biyya Caboo jedhamtu tun, kan uummataan gobbuu taate. Qeeyeen Caboo inni walitti maxxanee jiru, baadiyaa mitii magaalaa isa fakkeessa. Sanitti dabalee qulqullinni qeeyee, qulqullinni uffataa, bareedinaan