Get Mystery Box with random crypto!

Jaarraa 16ffaa keeyssa, gaafa oromoon Lola buttaa gageeyssaa t | ancient history of oromoo and oromia

Jaarraa 16ffaa keeyssa, gaafa oromoon Lola buttaa gageeyssaa turtte san iccitiin injiffannoo isaanni duuba jirttu  jaaramaya gosaa cimaadhaan of jaaruu isaanni akka tahe
Warri seenaa oromoo barreese warri akka Farncisco de Almeida, D'Abbadie fi warri akka Abba baharey ossoo hin hafiin ragaa bahanii jiran.sochii bara San godhaa turan keeyssatti gostii oromoo hundii bifa haarayaan Wal gurmeessu qofa ossoo hin tahiin gurmuu isaanni saniif malattoo maqaa gara garaa akka moggaasaniif argina.fakkeenyaaf gosa walloo haa fudhanu, gostii walloo bakka lamatti qoodamtti.
Isaaniis:-sadachaafi Afre dha.
Sadachii ilmaan sadii of jalaa qaba isaaniis:-
1- warra himannee 2- warra Iluu 3- warra baabbootti.
      Afre ilmaan Afur of jalaa qaba isaaniis:-
1- Laga Ambo 2-laga hidhaa 3- warra qaalluu
Warra waayyuutti.
  As gubbatti wanii hubbachuu qabnu sadacha jachuun maqaa gosaa ykn maqaa namatti mitti
"Sadacha" jachuun sadan ykn sadii jachuudha,
Maqaa gurmuutii. "Afre" jachuun Afran ykn Afur jachuudha.maqaa kana yeroo Lolaa qofa ittiin Wal waamu.fakkeenya biraa tokkoon isiniif dabala.fkn:- jaarraa 16ffaa keeyssa gostii macaa bifa kanaan gurmuun of jaarttee Lolaa turtte. Sadacha: Akaakoo,obo,subo.
Afre: horroo,Liban,Guduru,jidda.
  Fakkeenya biraa tokko haa fudhanu ammaas.
Anniyyaa ilmaan torba of jalaa qaba.torban kana gurmuu lamatti jaare.isaaniis:-
Sadacha:-baabboo, malkaa, danbi.
Afre(kudheele):- kooyyee,Anna, maccaa,bidu
    Maqaan gurmuu Kun yeroo ilmaan murawaa keeyssa dhufe hedduu babal'ata.inumaatu hamma ammaa namoonni tokko tokkoo yeroo
Maqaa gurmuutiin if waaman argina.fakkeenyaaf namni hedduun yeroo gosaa galaan himatutu mul'ata.garuu gostii galaan jedhamutu ituu keeyssa hin jirtu. haa tahu garuu gosa afurtu gaafa Lolaa San gurmuu galan jachuun of moggaase.isaaniis afran galaan jachuun waamamu.gostii afran galaan jachuun
Alga, baabboo, gadulaa,gaamoo,
      Garuu gostii afran galaan yeroo heera  tuman afran Mana baabboo jachuun angafa
Isaaniitiin Mana waamu.ona Adda adda qaban,
Garuu dhadacha ol Aanaa waliin qabu.gaafa Lolaa luba ykn qonddaala tokko filatu.fkn:-
Qonddaala afran galaan Asaboot Raaree akka fakkeenyatti fudhaa.
#ancient history of oromoo
#like
#share
T.me/etbisahusen