Get Mystery Box with random crypto!

Seenaa Oromoo Raayyaa Part 1 Uummati Oromoo jaarraa tokko dura | ancient history of oromoo and oromia

Seenaa Oromoo Raayyaa
Part 1
Uummati Oromoo jaarraa tokko dura sirna gadaatiin ofiin of bulchaa ture. Minilik Oromiyaa erga weeraree qabate (gabroomfate) booda garuu sirni gadaa hafee,waanjoo gabrummaa sirna nafxanyaa jalatti bitamaa ture. Egaa baroota sana keessatti uummati Oromoo aadaafi,dudhaasaa akka irraanfatu godhameera. Seenaansaas aguugameefi daguungorsamee barreeffamuudhaan eenyummaasaa akka irraanfatuuf cunquursaan guddaa irratti raawwatamaa ture. Amma garuu sabi guddaa kun mirga argateen, hayyooti seenaa Oromoo qorattan, seenaa dhugaa uummata Oromoo iddoo dhoksamee qotanii baasuudhaan barreesuuratti argamu.
Hayyooti qorattooti seenaa Oromoo dhimma kanarratti ijibbaata guddaa guchuurratti argamu.Kitaaboti seenaa Oromoos barreeffamaa jiru.Kabajamoota dubbistoota keenyaa! maxxansa keenya kana keessatti waa’ee seenaa uummata Oromoo keessumaa yeroo ammaatti jiraachuunsaa irraanfatamaa kan jiru seenaa Oromoo Raayyaa akka nuu ibsaniif biiroo aadaafi tuuriizimii Oromiyaatti hayyuu qorataa seenaa Oromoo kan ta’an, obbo Alamaayyoo Haayilee wajjin gaaffiifi deebii goone, kanatti aansinee isin dubbisiisna. Jalqabarratti yeroo hojii isaanii wareeganii waan nu hasofsiisaniif obbo Alamaayyoo Haayilee baayi’ee isaan galateeffanna.
Siifsiin:- Seenaan maali?
Ob.Alamayehu :- Seenaan ibsituudha. Ibsituu eenyummaa uummata tokkooti. Yaadanoodhas. Uummatni akkamitti akka jirate , Aadaa ,nageenyaafi,dudhaansaa kan kessati ibsamudha.
Siifsiin:- Seenaan dhugaafi dhara, dabaafi sirri qabaa?
Ob.Alemayehu: Eyyee qaba. Seenaan lammii ofiitiin barreeffamu dhugadha. Gariidhas. Akka carraa ta’ee uumattoota Afrikaa,Lattin Ameerikaa, Eeshiiyaa, Seenaan isaani kan barrefame, abootii humnaa, moototaafi namoota naanoo sana qoratanin barrefame. Ajeja mootota uummattoota sana gadi qabanii jirachisaa turaniin barreeffame. Hanga jaaraa 16ffaatti kan bareefame seenaa moototaa qofadha. Waayee gudinaa haawaasaa,waayee diinagdeesaa, hinibsan ture.Amantaadhanis walqabsiisanii kan ibsan yookin barressan(miitooloogii) baayedha.Montisski namni jedhamu Fransaayifi Awrooppatti jaaraa 18ffa miitooloojii seenattin barressuu jalqabe.Girikoonnis ta’e Chaayinoti kan barreesan amantidhan walqabsiisaniiti. Seenaan uumata Oromoos kan barreeffame gita bittoota sirnoota dabraniinidha. Seenaan Keenya dhalataa kenyaan hin barreeffamne.Kanaaf dudhaan keenya akka doofaa ta’etti busheessanii barreessan. Uummanni kun, siyaasaa kessatti akka hinhirmaane mataa gadii qabachisanii akka abbaa biyaa hintaane godhan.
Barreessitooti sirnoota durii seenaa Oromoo dabsanii soobuma sana dhugaa fakkeessanii,barressuudhaan daguungorsanii,akka dhugatti fudhatan.Oromooti Hindiraa dhufni,Madagasgaariraa dhufan jechuudhaan seenaa Oromoo daguungorsuu yaalu. Kan kana godhan gita bittootaata mootummoota Itoophiyaa dabran sana qofa osoo hintaane, Poortugaalootiifi, Awrooppaanooti kaaniifi waldaan Kiristaanaa Ortoodooksii Itiyoophiyaas, keessattuu waldaan Kiristaana Ortodooksii biyya Giriikki Marqooriyoos, badii seenaa uummata Oroomoof gahee guddaa qabu.
Siifsiin:- Barreessitooti sirna mootummaa Itoophiyaa durii Oromoon eessaa dhufe jedhan?
Ob.Alamayehu: – “Bishaan keessaa bahanii weeraraanii biyya amma irra jiran hunda qabatan…” jechudhaan Oromoon siyaasa kessatti akka hin hirmaane golga guddaa godhan. Seenaan isaan barreessanis arabsoodha. Miidhaginaafi safu saba Oromoo hinibsan. Nama Gaalaafi hoori faanaa deemaa olu “ sabaa Tikaati” jedhu. Akka waan bu’aa loonittin hin fayyadmnetti, Akka waan aannan hin dhugnetti, Akk waan dhadhaa hin jaallanetti.Horsiisee bulaa ta’uusaa hojii tuffatamaa godhanii barreessaniiru.Seenaan kanaan dura barreessitoota sirnoota nafxanyaan barreeffaman seenaa dhugaan Oromoo ibsu mitti.
Siifsiin:- Sabni tokko eenyumaan isaa kan madaalamu Afaanifi Aadaa isaattin, damee afur qaba.Seem,Kushifi Niiloo Saharadha. Oroomoon akka seenaatti isa kam kessatti,ramadamaa?