Get Mystery Box with random crypto!

Ob..Alamaayoo:- Gara afaaniitiinis seenan hin barrefamne. Seen | ancient history of oromoo and oromia

Ob..Alamaayoo:- Gara afaaniitiinis seenan hin barrefamne. Seenaan afaanii biyaalessaa kan ibsamu,Seemetikki,Kushitikii,Niiloo Saahaaratikifi Omootikidha.Sirnooti dabran sun afaanoota kana yoo ibsan, seenaan uummata guddaa (kush) ifa baha. Afaan Oromoo damee kush keessatti ramadama. Nubiyaa kaasee hanga Tanzaaniyaa Arushaati afaan babaldhatee dubatamudha. Barreessitooti sirna nafxanyaa kana sodaa waayee kush kaasuu hin barbaadan. Warri gita bittoota sirna nafxanyaa imaammta loogii baafatanii Oromoo offiraa dhoorguun sun ammas waan haafee hin fakaatu. Oromoon damee kushimmoo kan daangeffamu akka ji’oograafiitti 140 NL – 40LS ta’ee hanga naannoo Mombaasaa– Aruushadha.Akkasumas Tigrayirraa kaasee hanga walaka Keeniyaa Tanzaaniyaas dabalatee,qubatee kan jiraatu, afaan saba bala’aatti.
Afaan Oromoo, Afaan daldalaafi dipiloomaasiiti. Hanga Jaaraa 17ffa kaabaa hanga kibbaatti dubatama ture. Biyya Keeniyati TV fi Raadiyooniidhaan tamsaasi sagantaa Afaan Oromoo jira.Mombaasaa keessa Oromoo Meeruu laga Xaanaa, Oromoo gara bahaa, Oroomoo Marawwaa,Oroomoo gara Turkaanaa, Oromoo Hiddi loolaa,cufti Kuushoota bahaa jedhamu.
Keeniyaa kessatti TVn Afaan Oromoo magaalaa Naayiroobiirraa tamsa’u sirritti tajaajila keenna jira. Ituu Walloo, Humbaanaa, Marawwaa, Oromoo Raayyaa Walloof abban Bookkuu Marawwoota.Ijoolleen Raayyaa Maccaafi Tuulamadha.Isaan kunniin naanoo Atibaraa irraa kaasee hanga naannoo laga Abayyaa jiru. Oromoon Umuruus, hanga Sudaaniitti jiru.Kanaaf kaabaan bahaa Afrikaa kan Oroomootatti. Afriikaa kabaa bahaa keessa, hanga jahaan Jaawwitti, gosa jahatu jiru. Kunniin hundi kushidha. Adduunyaa irratti hunda dura kan qaroome Kushidha.
Garuu qaroomnnni Kush Gibtsootaan saamame.Kuni seenaa keessatti iccitii Gibtsootaa “Egyptian mystry” ta’ee beekama. Musseen mataansaa kush ture.Gibtsitti dhalate.Booda qaroomina Kush fudhatee Gibtsii keessaa uummata isaa dursee biyya isaa gara Israa’eelitti godaane. Iyyesuus Kiristoosis kanumara ka’uun amanta Kirstaanaa babalise. Innis bara dhalate haati isaa isa fudhattee gara Gibtsitti baqatte. Moototi Gibtsii Fari’oonoti kushootadha.Nabii Mohamadis dhaloota Kiristoos wagga 600 booda ka’ee,amantii Musliimumaa adunyaa Kushirratti babaldhise.
Miitoolooji Kushoota kessatti qarri Ijipshiyaan mistirii sagali. Qarrii sidaa warra qaalluu sagali.Bu’uurri waraanaa qarri sagali. Boorannii sagal waan ta’eef “saglan booranaa” jedhama. “Kudhan kan Waaqaati” jedhu. ..... ittii ittii fufaa
#ancient history of oromo
#like
#share T.me/etbisahusen