Get Mystery Box with random crypto!

Finciltoota Oromoo Carcar kana goonkuma injifachuu hanqatee tu | ancient history of oromoo and oromia

Finciltoota Oromoo Carcar kana goonkuma injifachuu hanqatee ture. Moormii Oromoota Ituu (Capha Minilikiin booda, Finciila diddaa gabrummaa Oromootaa keessaa kan Jalqabaa kan ture) kan waggaa dheeraa kanaaf too'achuu dadhabee ture kana, maqaa #Girriigirrii_Mahammad_Jiloo jechuun nama yeroo san finciila kana qindeessaa turen mooggaassuun yaama ture.

Dhumarratti-Mootunmaan Haayilee bulchitootaa fi abbootii lafaa iddoo biraatii fidee oromoota Carcarirratti muuduun humnaan too'achuuf yaaluus, kunnis hanga barbaadame osoo milkaa'uu hin dandayyin hafe. Haala kanaan finciila kana too'achuun akka salphaatti kan hin dandayyamne tahuu waan hubateef, mootummaan karaa tooftaa nagayyaatiin finciila kana qabaneessuu filate. Sababa kanaatiif hoogganoonni Fincila kanaa Muhammad Jiloo fi hiriyoonni isaa torban karaa nagayyaatiin harka kannatanis, warri akka #Umar_Abdullaa, #Sheikh_Umar, #Huulloo_Wadaay, #Biiftuu_Abdurqee, #Boruu_Soodduu fi kkf faan hamma sochii ijoollee Baalee sanitti Qabsoo osoo hin laafisiin itti fufuudhaan, finciilicha gara baddaa Baaleetti tarkaanfachiissuu dandayyanii jiru. Ammas Baaleerraa ofduuba deebi'uun dhuma Bara 1973ti Ona Ituu keessa Xirrootti Warraaqsi bilisummaa Oromoo bifa hammayyaatiin dhoohee, Qabsoon sunnis dhalootarraa dhalootatti daddabraa, hanga guyyaa arraatti lubuun turuu dandeesse jirti. Dhugumatti Galata guddaatu warra kanaaf Mala.

Horaa Bulaa
#ancient_history_oromoo Madda Beekumsaa fi Oddeefannoo, Daawwiitii Isa Kaleessa Keenyaa ti.
-