Get Mystery Box with random crypto!

HUBADHU! ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➜ Taajjabbii addunyaa kana irraa qabnuu fi | GAGGEESSUMMAA

HUBADHU!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➜ Taajjabbii addunyaa kana irraa qabnuu fi dinqisiifannaa oolmaa keenya guyyaa guyyaa, kan dandeenyu yoo barreessine kan hin barraa’in immoo dubbisuu ni dandeenya.

➜ Barruu isa barraa’e dubbisuun isa hin barraa’in barreessuuf akka tolu isinittii himuuf miti. Inni barraa’e isa hin barraa’in keessa akka jiru, kan hin barraa’in immoo isa barraa’e keessatti akka dubbifamu lameen isaanii waliin deemu.

➜ Bariin ganamaa dhiha galgalaa keessaa madda.
Yoo hin dhihiin wayi bari’aaree? Erga galgalaa’ee halkan citee fulla’ee bariin dhufee bakka qabata. Dukkanni ifaaf bakka gad lakkisee bada. Nutis hirriiba keenyarraa dammaqna. Osoo hin rafin dammaquun hin jiraatu. Bakka homtuu hin turre amma wanti hundi jira. Wanti hundinuu (everthing) kan argame wanta duwwaa (nothing) irraayi!!!

➛ Nageenyi lola keessaa,
➛ Amantiin shakkii keessaa utaalee baha.
➛ Osoo hin shakkiin amanuun,
➛ Osoo hin kolfin boo’uun,
➛ Osoo hin kufin ka’uunis hin jiru. Kun ammoo hariiroo walxaxaa uumamni walii isaa waliin qabu (natural relationship with nature) yoo ta’u, deemsa kana hubachuun immoo dhalli namaa gartokkee fedhii isaatiin fiiguu dhiisee waltajjii fiixee lameeniirra yoo taa’e murtoo kennuuf itti tola.

➛ Namni hin gaddine tasumayyuu hin gammadu,
➛ Namni hin aarre tasumayyuu hin tasgabbaa’u.
Dhalli namaa garuu dhugaa kana hubachuun gaafa itti cimu,
➛ Inni boo’u boo’ichi isaa bor gammachuu akka qabu yaaduu caala boo’icha isaa itti fufeera.
➛ Inni kolfu boru boo’uu akka danda’u hin beeku,
➛ Inni utaalu boru okkoluu akka danda’u hin beeku,
➛ Inni jiraatu boru akka du’u,
➛ Gammachuu keessa gaddi,
➛ Rakkina keessa qananiin,
➛ Argachuu keessa dhabuun akka jiru hin hubatu!!!

➲ Gammachuu fi gaddi qaama walfakkatoo fuula garaagaraa akka ta’an waan hin hubanneef yeroo hundumaa gammadee
jiraachuu hawwa. Gaafa gammachuun isaa gaddaan bakka bu’u immoo gadda isaa irraa dandamachuuf ni rakkata.

➲ Kanaafidha kanan isa hin barraa’in keessaa barruu isa barraa’e arganna, isa barraa’e
dubbisuun isa hin barraa’in hubachuuf nu gargaara kanan isiniin jedheef. Anis kunoo isa barraa’erraa kanan dubbise, bu’aa bahii jiruu kootii isa hin barraa’in hubachuuf na
gargaareera.

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ