🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

#5.3 ULFAATINA QAAMAA (FURDINA) HUMNAA OLII AKKAMIIN HIR’ISNAA | GAGGEESSUMMAA

#5.3 ULFAATINA QAAMAA (FURDINA) HUMNAA OLII
AKKAMIIN HIR’ISNAA?

▬▬▬▬▬▬▬▬▬
1. Bishaan dhuguudhaan.
Ganama akkuma hirribaa
kaaneen bishaan yoo
danda’ame loomii itti naqnee dhuguu qabna. Kana qofaan hin dhiifamu; nyaata nyaannu hundumaa waliin bishaan ga’aa sirriitti dhuguu qabna.
2. Shayii (keessumaa shayii magariisa (green tea) sirriitti dhuguun ni gargaara.
3. Nyaata sa’aa 1:00 boodaa (galgala) irraa of qusachuu qabna.
4. Nyaata miyaa’aa ta’an akka kuukisii, chiipsii, keekii mimi’aawoo irraa of
qusachuu.
5. Nyaata kuduraaf muduraa sirriitti nyaachuu qabna.
6. Nyaata zayitaa isa fayya
qabeessa akka olive oil, fish oil fi kan kana fakkaatan soorachuu!
7. Hirriiba ga’aa sa’aa saddeet argachuu qabna.
8. Torbanitti guyyaa sadii
yookaan afur sochii qaamaa daqiiqaa 30 hanga sa’aa tokkoo ta’u taasisuu.
9. Wantoota sammuun nu dhiphisan irraa of fageessuu
10. Buna osoo sukkaara yookiin mi’eessituu itti hin dabaliin dhuguu.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa

#5.4 Gosoota nyaataa kan
Mataa dhukkubbii, kaansarii, dhukkuba laphee, kan ittisanii fi fooyyessan jedhamanii doktoraan kan ajajaman kanneen armaan gadiiti:


━━━━━⊱✿⊰━━━━━

1. Hundee Diimaa (ቀይ ስር):
➛ Nitric Acid kan jedhamu of keessaa kan qabu yoo ta'u, dhukkuba kansarii ittisuuf akkasumas, hiddi dhiigaa dammaqinaan dhiiga akka raabsu taasisa.

2. Qaama Burtukaanii (የብርቱካን ልጣጭ):
Burtukaanni Vitaaminii C dhaan kan badhaadhe ta'uun isaa beekamaa dha.

➛ Qaamni yookiin gogaan Burtukaanii (Orange Pith) inni keessaa bifa adii qabu, fayyummaadhaaf baay'ee barbaachisaa waan ta'eef hamma danda'ame soorachuun ni gorfama. Akkasumas antioxide of keessaa waan qabuuf Kolestirolin dhiigaa wajjin akka walitti hin dabalamne godha.

3. Killee (Buuphaa) (እንቁላል):
➛ Killeen nyaata prootiinii dhaan badhaadhedha. Albuudni killee keessatti argamu rifeensa fi qeensa bareeda akka qabaannu taasisa.

4. Saliixa
5. Sanaafica
6. Foon Jabbii (የጠቦት ሥጋ)
➛ Foon Diimaa hundumaa irra foon jabbii caalatti faayidaa kan qabu dha.
7. Birokolii baay'ee qorre
➛ Keemikaalli Salforafooniin (Sulforaphone) gosa nyaataa kana keessatti argamu, sombii fi hiddi dhiigaa rakkoo nama gubuu akka hin uumne hambisa.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa