🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Daa'imman Haala Gaariin Guddisuuf Maaltu Godhamuu Qaba? ❍ | GAGGEESSUMMAA

Daa'imman Haala Gaariin Guddisuuf Maaltu Godhamuu Qaba?

❍ Kutaa ─ 5ffaa

┃•Akkaataa Soorataa•┃
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
@Gaggeessummaa

#5.1 Furdina Qaama Ijoollee To'achuuf:

Furdinni qaama ijoollee garmalee kan dabalu yookiin hir'atuuf inni guddaan soorata irratti hundaa'a. Sababni guddaan yeroo baay'ee furdinni daa'imman mudatuuf, akka qorattoonni jedhanitti,
➛ Nyaanni rakasaa fi nama furdisan salphumatti argamuu isaaniiti.

➛ Namoonni nyaata madaalawaa sa'aatii sirriitti nyaachuu hin dandeenye qaamni isaanii
humna halkan balleessaa bule bakka buufachuu waan qabaatuuf, nyaata biraa nyaatan illee guyyaa guutuu miirri quufuu itti hin dhaga'amu.
Kanaafuu nyaata baay'ee nyaachuuf dirqamu. Kunis furdinaaf saaxila.
@Gaggeessummaa

#5.2 Qorichoota (Gosoota nyaata) naannoo keenyatti
argaman keessaa kan yeroo ammaa kanatti hedduu nu fayyadan. Ittisa qaamni keenya
dhukkuboota irratti qabu ol kaasuuf:

#Loomii
#Burtukaana
#Qullubbii Adii
#Ginjibila
#Raafuu
#Qaaraa /Qaccee
#Ittittuu
#Shaayee_Magariisa
#Paappayaa
#Qurxummii

➛ Dabalataan nyaata mi'eessituun itti baay'atu
soorachuu dhiisuu. Isaan kanneenii fi kan biroo nyaataa fi dhugaatii keenya guyyaa guyyaa keessatti dabaluun yoo fayyadamne ittisni qaamni keenya dhukkuba irratti godhu ni dabala.

HUB. Nyaatonni kanneen warreen vitamni 'C'
baay'inaan of keessaa qabanii fi humna ittisa dhibee qaama namaa kan dabalanidha.
(Immunity enhancers).

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa