Get Mystery Box with random crypto!

BAANKII SAMMUU! ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ❏ David Schwartz kitaaba isaa 'The M | GAGGEESSUMMAA

BAANKII SAMMUU!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ David Schwartz kitaaba isaa "The Magic of Thinking Big"
jedhu keessatti, "SAMMUUN NAMA BAAY'EE MANA BAANKIITIIN WAL FAKKAATA" jedha.

➲ Guyyaa hunda yaada haaraa maddisiistu yaadota kee baankii sammuu keessatti kuufatta. Yaadonni kuni sammuu kee keessatti guddatanii yaadannoo ta'u.

➲ Kanaaf, yeroo rakkoon si mudatu baankii sammuu yaadannoo keetii keessa deemta. Akkamittiin jalaa miliqu? Wanta na mudate kana hangamin beeka? Gaaffilee jedhaniif deebii isaa baankii sammuu kee keessaa argatta.

➲ Teller baankii sammuu keetii immoo wanta gaafatte siif laachuu dhaaf duubatti hin jedhu. Waanuma gaafatte argatta. Yoo, "Kabajamoo, yaadota ani nama dadhabaa wanta na quunname kana irra tarkaanfachuu hin dandeenye ta'uu koo naaf mirkaneessu naaf laadhu" jettee gaafatte yaadotuma kana mirkaneessan siif laata. Faallaa kanaas immoo yoo gaafatte argachuu dandeessa. Filannoon kan keeti. Kufuu yookiin ka'uu!

➲ Wantoonni jabaan lama ofitti amanamummaa yaadota baankii sammuu keetiin ittiin ijaarrattu immoo kunooti:
⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣
➀. Hanga siif danda'ame Baankii sammuu kee keessa yaadota gaggaarii (Positive thoughts) qofa olkaa'adhu.

➁. Baankii sammuu keetii yaadota gaggaarii qofa gaafadhu! Yaadota kufaatiif si saaxilan gonkumaa sammuu kee keessa barbaaduu hin yaalini!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa