Get Mystery Box with random crypto!

Wantoota Dhala Namaa Milkeessan Sadan ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ..........#C3 | GAGGEESSUMMAA

Wantoota Dhala Namaa Milkeessan Sadan
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
..........#C3..............
-------------------------------
❏ Competence (Dandeettii)
❏ Character (Amala)
❏ Chemistry (Keemistirii)

--------------------------------
➛ Namni tokko dirree ogummaa isaatti barbaadamummaa, fudhatamummaa akkasumas nageenyummaa isaa mirkaneessuuf wantoota armaan olitti eeraman sadan walfaana horachuu qaba jedhama.

1. Dandeettii: Dandeettii qabda taanaan bakka hundatti barbaadamta. Furmaata tokkoof situ furtuu waan ta'eef hanga ati bakkicha geessutti namni hunduu balbala furmaataa ta'ee siin eega. Situ dhaqee banee hiika kennaaf.

Dandeettii kee kanaan:
➛ Addunyaatu si mararsiifata;
➛ Kan rakkatetu si iyyaafata;
➛ Halkan hirriibaa si kaafata;
➛ Rakkoo isaaf fala si gaafata;
Eeyyeen, dandeetticha keetu kanaan si gahe.
Qabda taanaan ittumaa jabeeffadhu; hin qabdu taanaan hulaa isaa irra gori! Dandeetticha horadhu!

2. Character/Amala: Amalli kee namoota biratti kabaja akka qabaattu si gargaara. Fudhatamummaa keefis utubaadha. Amala hin qabdu taanaan garuu dandeettii hangamuu qabaattu gateettiin namootaa danda'ee si hin baatu.

3. Chemistry/Keemistirii:
Keemistirii yeroo jennu wal nyaatinsa, yaa'a fi jijjiiramummaa ati naannoo kee waliin taasiftudha. Kunis jijjiirama fudhachuu, ilaalchaa fi ejjennoo ofii irra deebi'anii ilaaluun kan warra kaanii waliin walitti araarsuudha. Kana yeroon jedhu, "bakka hundatti amala gaararraa qabaachuu qabda" jechuu osoo hin taane, yaadaa fi ilaalcha tokko kanuma koo qofatu sirriidha jettee rincicaa ta'uu dhiistee, yaada haaraa fudhachuufis qophaa'oo ta'iidha. Kun yoo hin taane nageenyi kee yaaddessaa dha. Umuriin naannoo sana turuu kees ni xiqqaata.

➛ Walumaa galatti dandeettiin kee barbaadamummaa kee murteessa. Amalli kee fudhatamummaa kee murteessa. Keemistiriin kee nageenya kee murteessa.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa