Get Mystery Box with random crypto!

DAMMAQI! ▬▬▬▬▬▬▬▬ ➲ Hirriiba irraa dammaqi! ➲ Kaayyoo keetti d | GAGGEESSUMMAA

DAMMAQI!
▬▬▬▬▬▬▬▬
➲ Hirriiba irraa dammaqi!
➲ Kaayyoo keetti dammaqi!
➲ Ofirratti yoomillee nama dammaqe ta'i!
➲ Jijjiirama fiduudhaaf nama jalqabaa ta'i!
➲ Rakkina dhufu simachuudhaafis nama jalqabaa ta'i! Rakkina hin baqatin!
➲ Rakkina moo'achuufis nama jalqabaa ta'i! Sababni isaa nama milkaa'e ta'uudhaaf carraan jiru tokkichi rakkina sitti dhufu moo'attee darbuu fi dhiibbaa uumuuf dandeettii ati qabdu irratti hundaa'a.
➲ Yeroo hundumaa waan gaarii uumuuf keessa kee qopheessi!
➲ Itti amani!
➲ Gonkumaa abdii hin kutin!

ADDUNYAAN KUNI CARRAA MILKAA'INAAN GUUTUDHA!

➬ Addunyaan kuni, har'a rakkinaa fi milkaa'inaan guutudha. Ati hin dammaqne taanaan garuu addunyaan kun balbala ishee sitti cufatti.
➬ Warri rakkina moo'atan gara milkaa'inaatti ce'u. Namoonni baay'een dhiibbaa uumuu sodaachuudhaan sadarkaa isaaniif malu kan hin gahin hafanis danuu dha.
➬ Carraan milkaa'insaa baay'een qisaasa'ina baay'ee keessa darbuun dhufa.
➬ Hojii guddaan itti gaafatamummaa guddaa gaafata.

➦ Ati kan uumamteef jireenya jiraattutti gammaduuf, wanta gaarii lafichi qabu irraa dhamdhamachuu fi fayyaatti jiraachuuf.
➦ Kanaaf yeroo hundumaa Gammadi!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa