🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

YEROO┃A TIME • Gatii Yeroo • • Times VALUE • ▬▬▬▬▬▬▬▬ Yeroo | GAGGEESSUMMAA

YEROO┃A TIME
• Gatii Yeroo •
• Times VALUE •

▬▬▬▬▬▬▬▬
Yeroon qabeenya qabeenyaan oliiti!!! Namni yeroo isaaf kennametti fayyadamu nama hubataadha.
❍ Yerootti fayyadamuun dandeettii xiyyeeffannoo namaa guddisa.
❍ Xiyyeeffannoon fiixaan bahuumsa karoora keenyaaf humna jalqabaati.

Namoonni GATII YEROO (times value) beekan yommuu dubbatan:

❍ "Yakki guddaan akka yeroo balleessuu, addunyaa kana irra hin jiru." jedhu. "Yeroon kan akeekaati, akeeknis kan yerooti."

❍ Ogeeyyiin fayyaa maaliif "time is life" yookiin yeroon jireenya jedhu beektaa?? Sababni isaa lubbuu namaa darbuuf daqiiqaa muraasni hafe du’a oolchu waan ta’eef.

❍ Atileetiin yookiin warri fiigan "Time is gold" yookiin yeroon warqiidha maaliif jedhu itti yaaddee jirtaa? Sababni isaa yeroo isaaniif kenname sana keessatti fiiganii maayikiroo sekondiidhaan dursanii mo'achuun warqii argatu waan ta’eef.

QAJEELFAMOOTA YEROO (PRINCIPLE OF TIME)

➊. Yeroon ni darba:
❍ Yeroo har’aaf siif kenname deebitee boru argachuu hin dandeessu. Boru waan haaraa baatee dhufa.

➋. Yeroon akeekaaf namaaf kennama:
❍ Karooraan yoo itti fayyadamne waan haaraa hojjachuu dandeessisa.

➌. Yeroon siif gaddee dhaabatee si hin eegu:
❍ Wanti har’a utuu hin xumuramin hafe, yeroo itti aanutti darba. Wanta har’a hojjachuu dandeessu har’uma xumuri malee boriif hin olkaa’in!

❏ Moo'attoonni hojii boru hojjetan ar'a hojjetu!
❏ Giddu-galeessonni hojii har'a hojjetan har'uma hojjetu!
❏ Namoonni kufan hojii kaleessaa har'a hojjetu!

➲ Kanaafuu, yeroo hundumaa MOO'ATAA ta'i!!!

➍. Yerootti fayyadamuuf ogummaa cimaa gaafata.
❍ Uumamni xixiqqoon kan akka mixii yoo ilaalle halkanii fi guyyaa; wanta guddaa hojjatu.


"Until you value yourself, you won't value your time!
Until you value your time, you will not fit anything with it"
(M. Scott Pek)

"Hanga bu'aa jireenyaa kee hubattutti bu'aa yeroo hin hubattu, hanga bu'aa yeroo hubattutti waan tokkollee hojjechuu hin dandeessu" jedha.

❍ Yeroon jireenya, jireenyi yeroo dhaan murtaa'a. Yeroon akkaataa jireenyi keenya bu'a qabeessa ta'u murteessa.
Yeroo qusachuun nama hundatti ulfaachuu ni danda'a. Garuu ammoo hamma danda'ameen yeroo qusachuun gaariidha. Yeroon qabeenya qabeenya caaluudha. Yeroo qusachuu jechuun ofiif yaaduu jechuudha. Ammas yeroo qusachuun jireenya keenya gaggeessuuf murtoo jalqabaati.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa