🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

QAJEELFAMOOTA GAGGEESSUMMAA 6 JOOBIRA IRRAA BARACHUU QABNU ┃⁃ | GAGGEESSUMMAA

QAJEELFAMOOTA GAGGEESSUMMAA 6 JOOBIRA IRRAA BARACHUU QABNU
┃⁃ Akkaataan jireenya joobiraa jireenya nama mul'ataa waliin walfakkaata.
┃⁃ Ati waa’ee joobiraa baay'ee dhageessee ni beektaa?

▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Joobirri seenaa ajaa’ibsiisaa baay'ee ni qaba. Kanneen keessaa amaloota 6 waliin haa ilaallu:

#1ffaa:
Joobirri kophaa isaa olka’iinsa baay’ee olka’aa irratti balali’a.

Joobirri simbirroota xixiqqoo kan akka ‘sparrows’ yookiin gosa biroo kamiyyuu waliin hin balali’u. Kophaa isaa fi olka’iinsa baay’ee olka’aa irratti balali’a.

⁃ Kuni kan nu hubachiisu namoota sammuu dhiphoo qaban irraa fagaachuu akka qabnuu fi hiriyaa filachuu dha. Namni dhaabbata inni qabateen beekama. Yeroo hunda mo’attoota waliin taa’i! Bakka si madaalutti argami!

#2ffaa:
Joobirri mul’ata guddaa fi sirrii ta’e qaba.

Joobirri dandeettii ijaan arguu guddaa qaba, waan samii irraa hanga 5km fagaatu irratti xiyyeeffachuu danda’a. Kallattii cufame waan qabaniif adamsa irratti xiyyeeffatu.

⁃ Kuni wanti nu hubachiisu yeroo hunda jireenya keessatti xiyyeeffannoo ifa ta’ee fi mul’ata itti kaayyeffattu qabaachuu akka qabduudha. Jireenyi gufuu hedduu qabdi. Ergama kee irraa abdii hin kutin.

#3ffaa:
Joobirri lafee haaraa fi foon haaraa malee waan du’aa hin nyaatu.

⁃ Kuni wanti nu barsiisu, waan darbe dhiisudhaan qajeelfama haaraa, karaa haaraa mo’achuu danda'an qorachuu itti fufuu akka barbaachisu dha.

#4ffaa:
Joobirri qilleensa bubbeen makate jaallata.

Qilleensi bubbeen makate joobira ni kakaasa, erga olka’iinsa murtaa’e tokko irra gahee booda, baallee isaa irratti siiqanii boqotu.

⁃ Kun wanti nutti argisiisu, tuqaawwan gara fuulduraatti ittiin socho’an walitti hidhuu, qormaata jiru fudhachuun akka ta'udha. Qormaanni nama jabeessuu qofaaf akka ta’e amanuu dha. Obomboleettii jireenyaa fayyadamuun gara olka’iinsa guddaatti ol ka’uudha malee mataa buusanii taa'uu miti. Shaampiyoononni qormaata gonkumaa sodaachuu hin qaban.

#5ffaa:
Joobirri leenjidhaaf qophaa'a.

Ijoolleen isaa akkaataa koonyaa keessaa ba’anii balali’an baratu.

⁃ Kuni kan argisiisu zoonii mijataa keessa jirtu akka dhiiftuu fi guddinni achi akka hin jirre akka bartudha. Qormaata tokko tokko irratti hirmaadhu.

#6ffaa:
Joobirri Gaafa Dulloomu Humna Isaa Haaromsuuf Bakka Fagootti Soorama Baha.

Joobirri yeroo dulloomu rifeensi isaa ni ulfaata, funyaan isaa ni qaxxaamura. Jiraachuudhaaf jecha gara fiixee gaaraa deemee hamma inni bahutti funyaan isaa dhagaa tokkotti rukuta. Of haaressa.

⁃ Kana irraa kan nuti barachuu dandeenyu amalli durii darbee darbee hammam rakkisaa ta’us, wantootni ba’aa nutti ta’an yookin jireenya keenyatti gatii hin daballe of biraa hambisuun akka nurra jiraatuu fi akka of haaressinuu dha.

Jireenya kee keessatti akka JOOBIRAA ta'i!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa