🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

GAAFFILEE AKEEKA JIREENYAA BEEKUUF NAMA GARGAARAN║• Akeekni ji | GAGGEESSUMMAA

GAAFFILEE AKEEKA JIREENYAA BEEKUUF NAMA GARGAARAN• Akeekni jireenyaa jireenya dhuunfaa ofii ilaaluu irratti xiyyeeffata. Namatti quba qabuu irra ofitti quba akka qaban nama taasisa.
║• Gaaffilee kanneen itti fufiinsaan yoo of gaafannee deebii yoo itti laanne: (1) Akeeka jireenyaa akka beeknuuf nu gargaara. (2) Kaayyoo fi karoora qabnutti milkaa'uuf gargaara.

▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Gaaffileen akeeka jireenyaa beekuuf nama gargaaranii fi jireenyatti hiika godhan kunniin nama milkaa’ina hawwu tokkoof baay’ee murteessoo dha.
⁃ ANI EENYU ?
⁃ Maalifan Uumame?
⁃ Ergamni koo maali?
⁃ Karoorri koo maali?
⁃ Mul'anni koo maali?
⁃ Kaayyoon koo maali?

√ Eessaan dhufe?
√ Eessan Jira?
√ Eessan Deema?

➦ Har'a maalin hojjadhe?
➦ Maal hojjechuun qaba?
➦ Wanta haaraan hojjedhu maaltu jira?

❏ Jireenya kee keessatti wanta hojjettee itti gammadduu fi si hin gammachiifne tarreessuu dhaan addatti maal gochuu akka qabdu hundumaa dursuun sammuu kee waliin marii gaggeessi!

√ Your Future is on your hand!
√ Success is behind you!

❏ Ganama obboroo yommuu hirriiba irraa kaatu wanta guyyaa hojjettu karooratti qabadhuu ka'i! Galgala yommuu raftu immoo waan raawwatte miijani! kunis ciminaa fi dandeettii kee fuulduratti itti adeemtuuf ragaa siif ta’a.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa