🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Milkaa'insa Jireenyaaf Dadammaqiinsa Qabaachuu Qabdu: ------- | GAGGEESSUMMAA

Milkaa'insa Jireenyaaf Dadammaqiinsa Qabaachuu Qabdu:

-------------◆◆◆-------------
"Hundumaa dursitee gaaffilee armaan gadii kanaan yaada kee akka madaaltu sin gorsa!"
-------------◆◆◆-------------

➾ Jireenya kee milkeessuuf maal hojjetaa jirta?
➾ Wanti humna kee itti fixaa jirtu fiixaan ba'iinsaa fi milkii jireenya keetiif si gargaaraa?
➾ Har'a maal hojjette?
➾ Jireenyi kee fuulduratti taakkuu tokko akka tarkaanfatu gootee jirtaa?
➾ Yeroo hundumaa hojii hojjechaa ooltu madaallii irra keessee ni miijantaa?
➾ Hojii kee isa kamtu gaarummaa fi milkaa'inaaf karaa bana?
➾ Hojii kee isa kamtu gufuu sitti ta'uu mala?
➾ Yaada kee keessatti yeroo hundumaa kan sitti hasaasu tattaaffii ati galma miidhagaa kee bira gahuuf gochuu qabdu moo waanuma har'aaf argamee boruuf si hin fayyadne dha?
➾ Karoora kee waan miidhuu danda'uu fi si milkeessuu danda'u adda baafattee jirtaa?
➾ Hojii hojjettuuf yeroo hundumaa gaabbiin sitti dhaga'amaa?
➾ Maal utuu fooyyessitee si gammachiisa?
➾ Utuu maal siif ta'ee jaalattaa?
➾ Tattaaffiin kee hoo maal fakkaata?
➾ Utuu maal gootee hawwitaa? Wantichi immoo hammam si gargaara?
➾ Kaayyoo fi mul'ata kee waliin ni adeemaa?
...
Of gaafadhu! Deebii isaa barreessii olkaa'adhu!...

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa