🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

ERGAA BARATTOOTA KUTAA 12FFAAF ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ — Ergaa kana akkuma d | GAGGEESSUMMAA

ERGAA BARATTOOTA KUTAA 12FFAAF
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
— Ergaa kana akkuma dubbiftee xumurteen #share godhi!

➛ Firiin/qabxiin barattoota kutaa 12ffaa akka gadhiifamee jiru waan yaadatamuu dha. Barattoonnis firii isaanii ilaaluu irratti argamu.

✧ Amma garuu wanti ani siif barreessuu barbaadu firii argattetti gammaduu akka qabdu dha. Firiin kee gaarii yoo ta’es, gadi bu’aa yoo ta’es itti gammaddee jireenya kee si fuuldura jiru itti yaaduu qabda.

✧ Qabxiin koo gadi bu’aa ta’e jettee hin gaddin! Sammuu kees hin dhiphisin! Milkaa’ina karaa tokko qofa yaaduun gufuu jireenyaa akka ta’ee fi nama mul’ataa fi kaayyoo guddinaa qabu irraa akka hin eegamne seenaa Toomas A. Edisan irraa barachuu ni dandeenya. Amma ati ilaalcha kee jijjiirtee ilaalcha dhalootaayyuu jijjiiruun si irra jiraata malee yeroon kuni yeroo mala wallaaltee jajjabaachuun si barbaachisu miti. Nama cimaa akka taatee fi kennaan addaa tokko si keessa akka jiru nan beeka; natti mul’atas.

✧ Toomaas A. Edsan barsiisaan isaa xalayaa harmee isaatti gaafa barreessu, “mucaan kee barnootatti baay’ee dadhabaadha; kanaafuu mana barnoota kana akka hin dhufne, mana keetti isa barsiisi!” yommuu jedhuun, harmeen isaa immoo akkas jettee mucaa isheetti himte, “mucaa koo sammuun kee baay’ee guddaa waan ta’eef barnoota addaa si barbaachisa. Har’aa kaaftee mana barnootaa sanatti barachuun siif hin malu” jechuun kitaaba adda addaa bitteefii, ogummaa mataa isaatiin akka hojjetu taasisuun ampuulii ifa kennu yeroo jalqabaatiif addunyaaf gumaachuu danda’eera.

➛ Eeyyeen ati nama cimaa dha. Abdiin hin dhabin! Jechoota namaatiin humni kee hin laafin! Milkaa’inni harka kee keessa jira. Ni dandeessa. Akka dandeessu amani! Karooraa fi mul’ata keetti milkaa’uu akka dandeessu garaa guutuu yoo amante waan haaraa hojjechuu dandeessa! Baay'een isin jaaladha. Ergaa kana waliif dabarsaa! Galatoomaa!
Getu Abera

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa