Get Mystery Box with random crypto!

BADHAASA UUMAMAAN KENNAME ║ ITTI FAYYADAMUU ▬▬▬▬▬▬▬▬ ❏ Uumama | GAGGEESSUMMAA

BADHAASA UUMAMAAN KENNAME ║ ITTI FAYYADAMUU
▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Uumama isaatiin dhalli namaa, dandeettii gosa garaa garaa akkasumas ogummaa garaa garaa badhaafamee dhalata.

✧ Tulluu inni tokko hin baane tokko ni ba'a. Wanta inni tokko hin hojjenne inni tokko immoo ni hojjeta. Kana keessatti sakatta'ee osoo of keessatti hin argatiin kennaa isaa utuu hin barin, namni ukkaamamee du'aan du'ee dhumee michuu warra du'anii ta'e kumaa fi kitila.

✧ Du'a ooluuf yaaluu utuu hin taane du'a booda dhalootni waan ittiin nu yaadatu hojjechuudha. Har'a michuu warra lubbuun jiranii ta'uun kee bor michuu warra du'anii ta'uu
dhabuu kee miti.

Eenyu akka ta'e osoo of hin barin dhalli namaa addunyaa kana irraa dhume, eenyu akka ta'e nama of baree du'e dachaa meeqaan caala.

➲ Jireenya keessatti dhala namaa wanti bakka guddaan ga'u, guyyaa gara guyyaatti yaada haaraa isa faallaa yaada moofaa ta'e, kan jireenyaa fi ilaalcha gaariitti nama geessu,
sammuu isaa keessatti oomishee, wanta gaarii sammuu isaa keessatti argate gara kaayyoo, karoora, akkasumas galma isaatti jijjiiree irra adeemuudha.

➲ Daandiin milkaa'inaa tokko jedhee kan eegalu, yaada moofaa jireenya gaariitti nama hin baasne sammuu ofii keessaa gatuu fi sanyii gaarummaa keessatti facaasudha.

Araddaa guddaan ati qabeenya hundumaa caalaa dhuunfaa keetti qabdu SAMMUU keeti. Waan feete filattee irratti facaasuu dandeessa. Itti gaafatamummaa isaa kan mataa keetiti. Sammuu si miidhu baattee sammuu si fayyadu qabaachuu hin dandeessu. Ilaalchi badaa fi qajeelaan walii galanii
sammuu tokko keessa hin jiraatan. Michuu isa tokkoo ta'uu dandeessa. Bu'a qabeessi sammuu, sammuu yaada qajeelaa faallaa yaada moofaa ta'edha.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa