WANTOOTA ABJUU DHALOOTAA AJJEESAN! ▬▬▬▬▬▬▬▬ 1) Abdii kutannaa: Namni abdii kutate hara qofatu itti mulata; fuuldurri isaa dukkana. Kanaafuu egereen kee borii akka hin dukkanoofneef abdii kutachuun barbaachisaa miti. Dhaloota abdiidhan jiraatu haa taanu. 2) Gabaabsanii yaaduu: Egeree ofii gabaabsanii yaaduun doofummatti nama gata. Daandii nu milkeessuu fi nu kuffisuu dandau sirriitti kan nuti adda baafannu; fageessinee yeroo yaadnudha. Kanaafuu dhaloota fageessee yaadu haa taanu. 3) Sirna Addunyaa fi imala karaa addunyaa adda baafachuu dhabu: Sirnootni addunyaa kana keessa jiran kan nama fayyadan akkuma jiran faallaa isaa immoo kan baayee nama miidhanis sirriitti jiru. Kanneen kana adda hin baafannu yoo tae abjuun keenya kufuuf lakkoofsa tokko irra jira. Abjuu keenyaa fi kaayyoo keenya milkeessuuf sirnootni addunyaa kana keessa jiru adda baafachuun barbaachisaadha. 4) Jijjiiramaaf qaama biroo eeguu: Jijjiiramaaf qaama biroo eegna yoo tae hirkattummaa jalatti kufna; abjuu keenyatu maseena. Kanaafuu abjuun keenya akka hin maseenneef jijjiiramaaf hojjechuun barbaachisaadha. Dhaloonni qubee dhaloota jijjiirama fidu malee dhaloota jijjiiramaaf qaama biroo irraa eegu miti. 5) Yeroo ofii seeraan fayyadamuu dhabuu: Abjuu keenya milkeessuu keessatti yeroon nuti qabnu baayee murteessadha. Yeroon warqeedha. Itti fayyadamnaan boollaa nama baasa; itti hin fayyadamnu yoo tae garuu boola nama buusa. Yeroo duukaa fiiguun galma keenya qaqqabuuf hojjechuun abjuu keenya milkeessuu keessatti gaee ol aanaa qaba. 6) Of tuffachuu: Dhalli namaa beekaas haa tau wallaalaa karoora mataa isaa ni qabaata. Akkasuma haa guddatu, haa xiqqaatu abjuu mataa isaa ni qabaata. Yeroo kallattii garagaraatiin teenyee yaadnu wantoonni haamilee nu buusanii abjuu keenya doomsan jiraachuu malu. Nuti garuu abjuu qabanne galmaan gahuuf hojii tokko keessatti of tuffachuun hin barbaachisu. 7) Hiyyummaa kunuunsuu: Abjuu ofii kunuunsuu keessatti hiyyummaa kunuunsuun hin barbaachisu. Hiyyummaa kunuunsuun, karoora keenya karaatti hambisa, abjuu keenya dukkaneessa. Kanaafuu dhaloota hiyyummaa balleessu tauu qabna malee dhaloota hiyyummaa kunuunsu tauu hin qabnu. 8) Itti gaafatamummaa sirriitti hubachuu dhabuu: Hojii hojjennu keessatti itti gaafatamummaa qabnu sirnaan hin baanu yoo tae abjuu keenya irra dabarree abjuu dhalootaa dukkaneessuu dandeenya. Hojii hojjettu keessatti itti gaafatamummaa ofii beekuun mirga osoo hin taane dirqama. 9) Mulata qabaachuu dhabuu: Mulatni hin bitamu. Mulatni bifa hin filatu, kutannoo fi obsaan galma gauu gaafata malee! Kanaaf egaa humnaa fi jabinaan akkasumas garaa guutudhaan kallattii ittiin abjuu keenya dhugoomsinu duukaa buuun nu irra jiraata. @Gaggeessummaa @Gaggeessummaa 872 viewsGetu Abera✟, 17:59