Get Mystery Box with random crypto!

Yeroo hunda namni irra deddeebi'ee wanta isa gargaaru dubbisu | GAGGEESSUMMAA

Yeroo hunda namni irra deddeebi'ee wanta isa gargaaru dubbisu beekumsa gonfata. Baay'eenis utuma dubbisanii iddoo jiran baranii, iddoo GAHUU qaban murteessanii, fiigicha eegalani! Qaroomanii kan fagaatanis jiru! Kanaaf ittuma fufii dubbisi! Kallattiidhaan jireenya keetti firoomsi! Of qaroomsi! Yeroo dhiyootti atis karaa #inbox keenyaan yaada gammachiisaa akka nuuf barreessitu abdii qabna!

AMMAS DUBBISI!!!
.
.
.
NAMOONNI JIREENYATTI MILKAA'AN:
▬▬▬▬▬▬▬▬
➊. Yeroo hundaa waan haarawa yoo baran mul’atu.
Mudannoo fi oolmaa guyyaa guyyaa keessatti muuxxannoo haaraa baruu fi yeroo hunda waa dubbisuun nama guddisa, dirree hiree fi milkaa'ina namaaf bal'isa.

➋. Hir’inaa fi cimina isaanii addaan baafatu yookiin bareechanii beeku.
Namoota jireenyatti milkaa'anii sadarkaa guddaa irra gahan, CIMINAA fi DADHABINA isaanii qajeelchanii beekuu isaaniiti. Waakkachuu irra, namoonni kunniin, hir’ina qaban hubatu yoo itti himames gammachuudhaan simatu.

➌. Dhimmoota kamiif dursi akka laatamuu qabu hubatu.
Jireenya bu'aa bahiin itti heddummate kana keessatti, wanti hojjetamuu qabu yookiin rakkoon furamuu qabu hedduu dha. Dhugaan jiru garuu, hangamuu cimaa taanu, rakkoo nama mudatu hundaaf yeroo tokkotti deebii kennuun tasa waan hin danda’amneedha. Isa hunda irra xiyyeeffannaan guddaan kan barbaachisuuf dursi laatamuu qaba. Namoonni ciccimoon jireenya isaanii keessatti milkaa'ina guddaa galmeessisan kan godhan kanuma.

➲ Hedduun keenya garuu, waan cufa al tokko raawwachuuf carraaqna; akkas gochuu keenyaan dhoqqee keessaa hin baaneen qabamna. Al tokko waan dursi laatamuuf tokko!

➍. Maallaqa isaaniitti sirnaan fayyadamu.
Waa’ee mallaqaan walqabatee dhugaan yeroo hunda ka’u tokko hanga argattu qofa osoo hin taane waan argattu akka itti qabattuudha kan si duroomsu. Hangamuu haa baay’atuu, maallaqa argattu faffacaasta, bubbeef kennita taanaan ati yoomuu rakkataa fi liqii kadhataadha.

➎. Yeroodhaan hirribaa ka’u
Amalli namoonni barnootaan, daldalaanis ta’ee waan biraatiin cimina yookiin milkii guddaa argisiisan ittiin beekaman tokko yoo jiraate simbira ganamaa ta’uu isaaniiti.

➏. Kaayyoo fi Galmi isaanii Ifa
Maaliidhaaf jiraatta? Essa ga'uudhaaf tiratta jettanii yoo gaafattan namoota kanniin irraa kan argattan deebii gabaabaa fi ifa ta’e tokko. Maaliidhaaf akka hojjatan, eessa ga'uudhaaf akka tarkaanfatan yoo gaafataman bifa wal hin dhoofneen deebii isaanii lafa kaa'u.

➐. Hawaasaa fi hiriyyoota wajjin hariiroo cimaa uummatu.
Milkaa'inni, kallattii kamiinuu ta’uu danda’a, jireenya hawaasummaatiin hedduu walitti hidhata qaba. Kophaatti ba'anii jiraachuunis ta’ee milkiin kophaatti galmeessisan waan hin yaadamne ta’uu waan beekaniif hawaasummaa fi hariiroo gaariidhaaf iddoo guddaa laatu.

➑. Amala gaariidhaan ummata biratti mul’atu.
Ummata biraa jibbaa fi tuffii horachuun gufuu imala gara milkiitti godhamu gatantarsan keessaa isa tokko.

➲ Hawwuu qofa miti jireenyi. Kanniin milkaa'an irraa barachuudhaan nutis waan hawwinu harkatti galfachuu ni dandeenya. Gufuuleen hawwii keenya bira akka hin geenyeef danqaa ta’an hedduutu jira. Gufuun guddaan garuu nuti ofii keenyaa amalaa fi aadaa milkiitti nu geessu dhabuu keenya. Ammuma irraa eegaluun amalaa fi aadaa gara milkaa'inaatti nu geessu simachuudhaan hawwii milkaa'inaaf qabnu haa dhugoomsinu.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa