🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

KENNAA UUMAMAA ▬▬▬▬▬▬▬▬ ➲ Uumaan, uumama adda addaaf kennaa ad | GAGGEESSUMMAA

KENNAA UUMAMAA
▬▬▬▬▬▬▬▬
➲ Uumaan, uumama adda addaaf kennaa addaa arjoomeera;
Adurreef qeensa kenne; ittiin moccorti! Gafarsaaf gaafa kenne; diina ittiin horfa! Kennaa isaa, hundumaaf hin waakkanne. Kaan, yeroo gaabaabaa keessatti fageenya ajaa'ibaa kaata. Kaanis, uffata malee cabbii keessa jiraata; kaan immoo, xiyyaara mataa isaatiin samii irra barrisa; sanuu boba'aa osoo hin bitiin! Kaaniif jagnummaa; kaaniif gamnummaa; kaaniif humna..... kaman himee fixa?

๏ Walumaa galatti kan lubbuu qabu kamuu, yoo of jalaa dhokseen achi, kennaa dhabe hin qabu!

➲ Namaaf hoo? kan jedhu gaaffii hundaa ta'uu qaba.

๏ Namaaf, meeshaa hunda caalu, kan uumama hundaayyuu ittiin to'atu, sammuu kenne.
๏ Sammuun namaa kun neuroonii Biliyoona dhibba (100,000,000,000) akkasumas
๏ Narvii gargaartuu (glial cells) Tiriliyoona kudhan (10,000,000,000,000) kan qabuu fi
๏ Diyaamenshiinii 1450cm³ qabaachuun, uumama "uggum" nama jechisiisudha; Uggum!

๏ Ammas baay'ee isin hin ajaa'ibiin malee, sammuun namaa gurra lamaan gidduu jiru sun, yaadannoo (memory) miliyoona 2.5GB ol kuusuu kan danda'uu fi aangoon isaa (power) 20W dha.

➲ Kun ta'ee osoo jiruu, haa ta'u malee, namni meeshaa isaa kana walqixa itti hin fayyadamne; gareen tokko sammuu isaatti fayyadamuun argannoo addaa uumee, waan amanuufuu nama rakkisu kalaqee, addunyaan kun namaaf mijattuu akka taatuuf gahee isaa bahe; biyya isaas jijjiire.

๏ Faallaa kanaan, gareen biraa immoo kutaa sammuu isaa kana keessatti maal akka hojjetu erga taa'ee xinxalee booda, yaadaa fi qaamaan olii gadi gulufee, jibba, tuffii, hinaaffaa gadaantummaa, haaloo, hin danda'uu, dhibaa'ummaa, dhiphina, tuffii, hamii fi kan kana fakkaatan walitti funaanuun gara sammuu isaa geessee, mana hidhaa guddaa tokko ittiin ijaare. Balbalas itti tolchuun, ol seenee marmaratee keessa taa'e.

Kutaa mana hidhichaa keessa barreeffamni inni barreesse, baay'eetu jiru. Barreeffamoota sana keessaa gariin akkana jedhu:
๏ ..." Maafan gabaabadhee?/ dheeradhee?
๏ ... har'a abalu maal naan jedhee?
๏ ... Nama hundumaa gammachiisuu wayyaa?
๏ ... Har'a sa'aatii koo eessattan gubaa?
๏ ... Ciisi, ka'i, nyaadhu;
kanuma sadan irra deddeebi'aa jiraadhu"...
kan jedhuu fi kan kana fakkaatan argitu!

➲ Mee of haa ilaallu! meeshaa Waaqni nuuf kenne kana, mana hidhaa gochuu dhiisnee, mana kalaqaa haa taasisnu;

Ilaamee,
➲ Bakkuma jirtu irraa ka'ii kutannoo horadhu; kutannoo dhaabbataa! Beekumsa dheebodhu; Dubbisii dhugi! dhugi, ammas hin quufin dhugi;
karoorsi hojiitti hiiki; yoo kufe irra deebi'ii yaali; irra deddeebi'ii yaali! Yoo kufte awwaara kee hurgufadhuu ka'i; fuulduratti deemi! Mudannoon kee muuxannoo malee gaabbii akka siif hin taane dursii toobbadhu!

๏ Na amani! Ati shaakaluu hin nuffin malee, guyyaa tokko isa sitti ulfaate sana, qullaa dhaabda! Yoom akka kuftu beektaa? Gaafa yaaluu dhiistedha.

๏ Kutannoon kaanan, bakka hin yaadamne ni geessa!
Eeyyeen, ni dandeessa!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa