🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

SI QOFATU AKKA OFIIF TA'UU QABU TA'A ▬▬▬▬▬▬▬▬ ➠ Namoonni baay' | GAGGEESSUMMAA

SI QOFATU AKKA OFIIF TA'UU QABU TA'A
▬▬▬▬▬▬▬▬
➠ Namoonni baay'een akka fedha isaanii keessatti qofa akka jiraattu barbaadu. Gaafa ati akka fedha keetti jiraachuu eegaltu garuu, dhagaa hedduu sitti darbatu. Jechaan si madeessu, jibbaan sirraa dheessu. Atillee "namni akkuma koo naaf ta'a" jettee itti of kennite taanaan dogoggora eegalte jechuudha. Atis nama keessatti of ittisuun, namni daangaa ofii fedhe keessatti si tiksuunis seera miti.

➠ SI QOFATU AKKA OFIIF TA'UU QABU TA'UU DANDA'A. Namni yeroo hunda waan ofii fedhu qofa akka isaaf mijatutti sirraa eega. Waan sirraa eegu dhabnaan gatee sibiraa sokka. Maqaa biraa sitti moggaasa. Ilaalcha ofii qabu sirratti biqilcha. Kanaafi kan ati humna si utubu, ofitti amanamummaa sibaatuf humna ofta'uu sirra jiru daran cimsuun kan si barbaachisuuf!

➠ Kanaaf ati hunda dursitee akka ofiif ta'uu qabdu ta'uun kan si barbaachisuuf. Gaafa sana kan si dhiiseef jeeqamuun, kan si darbate sin madeessun, jechiif ilaalchi sin raasun hin jiru.

➠ Gaafa humna kana ofirratti moosifte immoo of kee qofa miti, uumaamaan waliigaltee, jaalalan dhangaashee sooratta.

➠ Boqonnaan sammuus achi keessaa argatta. Daangaa ofii sararatte keessatti addunyaa kee bocatta. Hunda haalaaf karoora ittiin raawwattu cimsitee beekta. Dhufee darbaan amala namaa si hin yaaddessu. Akka dhufetti keessummeessita, akka deemetti gaggeessita. Isa nagaa kee goolutti ulaa miira kee cufatta.

➠ Akka namaa miti, akka ofiif ta'uu qabdu taata. Ati qofti ilaalcha xiqqaa ofummaa kee irratti biqilchite buqqisii, humna ofitti amanamummaa kee cimsadhu! Bashaasha ta'i; guddaa dhiphinaan sitti dhufe, seeqa xiqqoon gaggeessi. Maaf dhiphatta? Eenyumtuu bakka kee bu'ee daqiiqaa takkaaf jireenya kee hin jiraatu hoo?

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa