Get Mystery Box with random crypto!

#Dubbisa 52ffaa | Dhukkuba Faayidaaf Qofa Walbarbaaduu irraa F | GAGGEESSUMMAA

#Dubbisa 52ffaa | Dhukkuba Faayidaaf Qofa Walbarbaaduu irraa Fayyuu | @Getu_Official

"የጥቅም ሰውና ነጭ ልብስ የአንድ ቀን ቢሆን ነው"።

⩩ "Namni faayidaa qofa barbaaduu fi uffanni adiin guyyuma tokkoof yoo ta'edha".

❒ Namni faayidaa qofaaf nama barbaadu:
⁃ Qaroo har'aa malee mul'ata borii hin qabu;
⁃ Fira hin qabu;
⁃ Wanta yaadetti milkaa'uuf yeroo dheeraa itti fudhachuu danda'a.
⁃ Firaa fi hiriyoota yeroo dheeraaf isa cinaa dhaabbatan of dhabsiisa.

➱ Lafa kana irratti hundi keenya walcina dhaabbannee hir'uu walii guutudhaan waliif jiraachuu hin dandeenyu yoo ta'ee fi faayidaaf qofa wal barbaadna yoo ta'e, dhugaadha jireenyatti milkaa'uu hin dandeenyu!

Galma bira gahuu fi qabachuun nutti ulfaateef falli guddaan yeroo hundumaa:
➛ Waliin ta'uu!
➛ Wal tumsuu!
➛ Harka wal qabachuu!
➛ Wal jajjabeessuu!
➛ Wal gargaaruu ta'a.

❏ Kaayyoon wal bira jiraachuu keenyaa inni guddaanis yeroo hunda waliinii fi waliif jiraachuudha. Hamma kana hin taanetti guyyuma nutti bade yookiin nutti tole qofa walbarbaadna taanan hiika dhabeessa ta'a. Warra wal ta'ee waliif ta'u haa taanu! Yoos, ani siif, atis anaafi!

➱ Namni yookiin biyyi kophaa isaa guddatu hin jiru. Dhukkuba faayidaadhaaf qofa walbarbaaduu, yookiin guyyaa rakkina keenya ittiin ooluuf qofa walbarbaaduu irraa of haa ittifnu! Galatoomaa!

@Getu_Official
@Getu_Official