🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

DUBBISII | HUBADHU! @Gaggeessummaa ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ » ️Namoonni huba | GAGGEESSUMMAA

DUBBISII | HUBADHU!
@Gaggeessummaa
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
» ️Namoonni hubatoon nagaaf jedhanii dhiifama gochuu hin sodaatan.
» Namoonni dadhaboonni garuu hiika nagaa waan hin beekneef dhiifama gochuu hin beekan.
» ️Namni waan siin jedhutti hin dhiphatin!
» Waan hamaa akka hin gooneef garuu of eeggadhu!
» ️Anummaa kee hubachiisuuf baay'ee hin yaaliin!
» Namni akka si hubate osoo hin taane ati akka siif gale, akka si gammachiisutti jiraadhu.
» ️Eenyummaan kee kan madaalamu tilmaama namoonni siif kennaniin miti.
» Eenyummaan kee si keessa qofadha.
» Dafnee abdii kutachuu keenya irraa kan ka'e kaayyoo gurguddaa baay'ee karaatti ganne.
» Qofaa ta'uu malta.
» Namni si bira dhaabatee kallattii si argisiisu dhibuu danda'a.
» Deddeebitee mucucaachuun kufaatii sitti fakkaatee abdii kutatte ta'a.
» Yeroo dheeraa ati karaa irra turte si gaddisiisuu danda'a.
» Waan hin dabarre sitti fakkaatee dhiphaachuu dandeessa.
» Gorsan siif qaba. Eeyyee gorsa.
» Ittuma fufii yaali!
» Yaalii, yaalii, yaali, ammas yaali!
» Matumaa matumaa matumaa abdii hin kutatin!
» Jireenyi Gara-bal'ina si gaafatti.
» Garaa bal'attee irra deddeebitee hin yaaltu taanaan na amani galma kee hin geessu.
» Gatii osoo itti hin baasin kaayyoon ati galmaan geessu hin jiru.
» Yoom iyyuu kaayyoon kee gatii baasuu akka si gaafatu dursii beeki.
» Kufuun jira; ammas kufuun jira; amma illee kufuun jira.
» Kufaatii hedduu booda immoo mo'achuun ni jira. Eeyyee ni jira.
» Si'a tokko kuftee abdii kuttee dhiistee deemta taanaan yoom iyyuu hin mo'attu. Kun immoo adeemsuma uumamaati.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa