Get Mystery Box with random crypto!

NAN BARADHA | Soorata Sammuu | @Nan_Baradha ❏ Namni guyyaatti | GAGGEESSUMMAA

NAN BARADHA | Soorata Sammuu | @Nan_Baradha

❏ Namni guyyaattis ta'u torbeetti hangam qaamni isaa akka dabale ilaaluuf hangaa fi dheerina isaa ni safara.

Magaalaa keessa yeroo deemtan iddoo hedduutti waan ittiin hanga ofii safaran argattu. Namuu itti goree of ilaala. Keessattuu dargaggeessi hangam akka qaamni isaa dabale ilaaluuf yeroo hedduu hanga isaa safara. Kana biraan immoo boca qaama isaa eeguu fi jabaa ta'ee of arguuf sochii
qaamaa hojjeta.

✪ Kana qofa miti qaama isaa guddisuuf nyaata illee hanga humni isaa dandeessise filatee nyaata.

✪ Xiyyeeffannoon kun hunduu qaamaan guddaa fi boca gaarii qabaatanii guddina barbaadan argachuufi.

༄ Akka saayinsiin jedhutti ilmi namaa guddate (developed) ta'e jechuuf qaama biratti yaadaan, miiraan, hawwaasummaa fi dandeettii sammuun guddachuu qaba jedha. Sirriidha.

༄ Akkuma qaamaaf nyaanni barbaachisu #sammuun dhala namaa barnootaan guddachuu qaba. Barnoonni sirriin soorata sammuuti.

༄ Barnoota sirrii yoo jennu barnoonni dhugaan kan waa'ee dhala namaa, addunyaa, ardiif samii akkasumas kan waa'ee uumamaa fi uumaa dhugaa qabatamaan jiruun barsiisu jechuudha.

༄ Barnoonni sirriin dhugaa qabatamaa lafarra jiru waliin wal simee sammuu dhala namaa misoomsuu qaba.

༄ Sammuun dhala namaa barnoota sirriin gabbatee jiruu fi jireenya namaa jijjiiruu qaba. Kana irraa maqnaan jireenyi dhala namaas milkii irraa maquun, guddinaaf gumaata dhiisee gufuu ta'a.

༄ Maarree guddinni dhala namaa sirrii akka ta'uuf, sammuun barnoota sirriin misoomee dagaaguu qaba.

༄ Hamma kana hin argannetti garuu dhamaatii gatiif hiika hin qabne, jireenya furtuu malee gad dhiisii ta'ee fi yaada hin hogganamneen raafamuudhaaf saaxilamna.

༄ Dandeettii ofii mirkaneessuun, cimina jajjabeessuu fi hanqina ofii irraa barachuun of guddisuuf mala jalqabaa ta'a.

♡   ❍ㅤ   ⎙       ⌲
ˡᶦᵏᵉ  ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ  ˢᵃᵛᵉ ˢʰᵃʳᵉ

ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜʰᵃⁿⁿᵉˡ
@Nan_Baradha
@Nan_Baradha