Get Mystery Box with random crypto!

SUCCESS | MILKAA'INA @Gaggeessummaa ▬▬▬▬▬▬▬▬ ❍ Siif milka | GAGGEESSUMMAA

SUCCESS | MILKAA'INA
@Gaggeessummaa
▬▬▬▬▬▬▬▬
❍ Siif milkaa’inni maali? Yeroo qabdu keessatti maal milkeessitee darbuu barbaadda?

❍ Sammuun kee waa’ee wanta ati milkeessuu barbadduu maal sitti hima? Ni dandeessa moo hin dandeessu siin jedha? Maatiin kee, olloonni kee, istaafii fi hiriyoonni kee maal siin jedhan? Abbootiin amantaa kee maal siin jedhan?

❍ Milkaa'ina yookiin abjuu keenya nuuf dhugoomsuu danda'aa?

⩩ Milkaa’uun kan eegalu sammuu keessatti! Ilaalcha duriitiin of jijjiiruun hin danda’amu. Dandeettii fi ilaalcha jaarraan kun eeyyamu gabbifachuun dirqama.

⩩ Mee ati abjuun kee fi mul'atni kee maali? Mee kana jettee ifatti kan ati dubbattu maali? Mee qabiyyeen karoora kee fi abjuu kee maal fa'i? Gar-tokkee dha madaalawaa dha?

⩩ Aduudhumti dhiitee bariiteef baatee galta moo galma sirriitti qulqulleesitee irratti xiyyeeffatte qabda? Waanuma sitti fakkaate ganama hirriiba irraa kaatee hojjettamoo abjuu fi mul'ata irratti xiyyeeffatte tokko qabda?

⩩ Abjuu kee adda baaftee, karoora yeroo gabaabaa, giddu galeessaa fi dheeraa baafatte qabdaa? Mee afuura kee, dinagdee kee, hawwaasummaa kee, fayyaa kee, maatii kee, barumsa kee milkeessuu irratti karoorri ati walduraa duubaan ifatti karoorfatte jiraa?

⩩ Yoo milkaa’uu barbaadne fedhii fi hawwii cimaa ofii keenya keessatti uumuu qabna! Wanti hin jijjiiramne hin jiru jennee amanuu qabna!
Guddachuuf carraa ofitti qabachuu nu barbaachisa (use opportunity)

⩩ Bara baraan nama wal fakkaataa ta'uu hin qabnu! (making difference)

✪ Hojii itti fufee nu fayyadu irratti haa xiyyeeffannu!
Hojii itti fufee nu fayyadu irratti
 • Humnaa fi yeroo
 • Beekumsaa fi dandeettii
• Maallaqaa fi ogummaa keenya ‘invest’ haa goonu!

Dhalli namaa milkaa'ina barbaade bira gahuuf kallattii jireenyaa torba (7) kanneen hubachuun irra jiraata:

➊. Jireenya hafuuraan ofirratti abjuu fi karoora ifaa qabaachuu

➋. Dinagdeedhaan Guddachuu

➌. Jireenya hawaasummaa (good relationship, acceptance, supporting others)

➍. Maatii gaarii, jaalalaa fi gammachuu qabu horachuu

➎. Fayyaa gaarii (nyaata madaalawaa fi gahumsa qaamaa)

➏. Beekumsaa fi dandeettii ofii irratti abjuu fi karoora qabaachuu

➐. Mission (mul'ata): Fiixee milkaa’inaa ga’anii badhaafamuu

♡   ❍ㅤ   ⎙       ⌲
ˡᶦᵏᵉ  ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ  ˢᵃᵛᵉ ˢʰᵃʳᵉ
Join ❒┃❏ Share

ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜʰᵃⁿⁿᵉˡ
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa