🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Irraa Baradhuu #Share Godhi! ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➥ Halkan tokko utuu bar | GAGGEESSUMMAA

Irraa Baradhuu #Share Godhi!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Halkan tokko utuu barattoonni ga'eessonni barataa jiranii ogeessi xinsammuu tokko kutaa seenee, har'a tapha qabna jedhe.

■ Barattoonnis tapha akkamii jedhanii gaafatan. Barsiisaanis
barataan fedhii isaatiin ka'u jennaan barataan dhiiraa tokko ka'e. Barsiisaanis barataa sanaan namoota baay'ee
jaalattu 30 gabatee gurraacha kana irratti barreessi jedheen.

■ Baratichis maatii isaa irraa eegalee, oollaa isaa, fira isaa fi hiriyoota isaa hamma nama 30tti barreesse.
Barsiisan, kana keessaa namoota si hin fayyanne 3
balleessi jedhe. Innis maqaa ollaa isaa balleesse. Ammas maqaa nama 5 balleessi
jennaan baratichi namoota fagoo ta'an fira isaa keessaa balleesse.

■ Akkuma kanaan maqaa barreesse hunda balleessee fixee maqaa haadha, Abbaa, haadha manaa fi ilma isaa
qofatu hafe. Ammas barsiisan maqaa arfan kana keessaa maqaa nama 2 balleessi
jedheen. Barataan sun baay'ee na'ee akka nama dirqamaan balleessisee maqaa haadha isaa fi Abbaa isaa balleesse.

■ Barsiisan dhuma irratti
warra hafan 2 keessaa maqaa nama 1 akka balleessu itti hime. Ammas baratichi sammuun isaa baay'ee jeeqamaa, harki isaa hoollachaa, sodaachaa maqaa ilma isaa keessa balleesse.

■ Barsiisaan gad taa'i ittiin jedheen. Achiin booda daqiiqaa muraasa booda barsiisichi:
➛ "Maaliif maqaa haadha manaa kee hambifte?
➛ Maatiin kee siif nama ati yeroo hunda itti of abdattudha.
➛ Ilmi kee qaama kee nama baay'ee sitti aanudha.
➛ Haadha manaa garuu kan biraa fuudhuu dandeessa.
➛ Maaliif hunda isaaniirra haadha manaa kee caalchifatte?" Jedheen.

■ Barataan sunis suuta jedhee akkas jedheen:
▷ Tarii guyyaa tokko maatiin koo na dura biyya lafaa kana irraa darbuu danda'u.
▷ Ilmi koo immoo gaafa guddate sababa barumsaaf yookiin hojiin na dhiisee deema.
▷ Bara jireenya koo guutuu hamma lubbuun lafa irra jiraadhutti kan na bira jiraachuu danda'u haadha manaa koo qofa jedheen.
Yeroo kan barattoonni kutaa guutuun harka rukutaniif.

➦ #Dhugaadha. Hundi keenya iyyuu maatii keenya hammam yoo jaalanne iyyuu guyyaa tokko dhiisnee deemna. Maaliif yoo jennee haadha manaa yookiin Abbaa manaa fi Ijoolleen keenya hammam yoo nu jaallatan iyyuu nu dhiisanii deemu. Dhuma irratti kan nu biratti hafu haadha manaa keenya yookiin Abbaa manaa Keenya.

■ #Eyyeen obboloota koo.
➦ Haati manaa kennaadha malee filannoo miti.
➦ Haadha manaa fuudhun barbaachisummaan isaa galgala galgala sitti yaadatama yoo ta'e ati fuudhuu barbaadda osoo hin taane nama wajjin
bultu barbaadda.
➦ Haadha manaa fuudhun kan sitti dhaga'amu yeroo uffati kee, manni kee, xuraa'u qofaa yoo ta'e, ilaalchi kee galma murtaa'aa namni hiriyaa gaa'elaa qabaachuuf jiru kamiyyuu irratti yaaduu qabu irraa kan fagaatedha.
➦ Haadha manaa qabaachuun kee ilaalcha jaalalaa, fedhii saalqunnamtii, hiriyyummaa yookiin ijoollee godhachuuf qofa irratti kan hundaa'e ta'uu hin qabu.

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ