🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

EENYUMMAA ISA DHUGAA ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➥ Eenyummaan kee inni dhugaan i | GAGGEESSUMMAA

EENYUMMAA ISA DHUGAA
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Eenyummaan kee inni dhugaan isa yeroo ati qofaa kee jirtu hojjettuudha.

➲ Dhugaadha. Eenyummaan keenya isa yeroo qofaa keenya hojjennudha malee isa uummata biratti qofa hojjennu miti. Nama duratti wanta qajeelaa hojjenna ta'ee, yeroo qofaa keenyaa immoo wanta jal'inaa hojjenna yoo ta'e eenyummaan keenya sun
jal'ina.

√ Yeroo nama biraa dhugaa dubbatta ta'ee, garuu yeroo qofaa kee ni sobda yoo ta'e ati sobduudha.

√ Yoo waltajjii irratti ni faarfatta ta'ee yeroo qofaa keetii immoo ni sirbita yoo ta'e, ati sirbituudha.

Wantoota baay'ee jechuun ni danda'ama, garuu dhaamsi ani isiniif qabu waan dubbattu, waan hojjettu fakkaadhu!

➲ Eenyummaan inni dhugaan olkaasee nama mul'isa.
➲ Eenyummaan inni dhugaan nama kabachiisa.

Kanaaf:
→ Faarfataa,
→ Lallabaa,
→ Raajii,
→ Tiksituu,
→ Wangeelaawwii, akkuma maqaa kee ta'i!

■ Jaalalleewwaan, Abbaa manaa fi haadha manaa, kaadhimamtoota, akkuma maqaa kee ta'i!
■ Barsiisaa/Barsiistuu, Barataa/Barattuu, gaggeessaa, kaabinee, Qaama siyaasaa, akkuma maqaa kee ta'i!

➦ Maqaan, hojii isaa hin fakkaanne salphina.
Baay'een isin jaaladha.
1000 jiraadhaa!

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ