🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

NAMA OGEESSA ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➥ Ogummaan bakka hundatti gaggeessituu | GAGGEESSUMMAA

NAMA OGEESSA
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Ogummaan bakka hundatti gaggeessituu daandii milkaa'inaati.
Namni ogeessi hin kufu. Inni ogummaa harkaa qabu bakka deeme hundatti jireenyi isaaf mijataadha. Ogummaa qabuun simatamee hojjetee of jiraachisa.

● Inni ogummaa sammuu, yaadaa fi haalaa qabu; bakka hundatti dawaa dha. Ogummaan yaada isaa furtuudha, gaggeessituudha, qajeelchituudha, hoggantuudha, Ogummaan Yaada keetii boqonnaa siif kenniti, gammachuu, ofitti amanamummaa siif laatti.

● Carraa hundaan walii galuu, osoo hin sodaatin, osoo ceephoon isa hin mudatin, haala salphaatiin eenyu waliin jiraachuuf ogummaan kee si gargaarti.

Nama Ogeessa

➛ Ogeessi yaadaa waan hunda hubata. Osoo ati hin dubbatin adeemsaaf ilaalcha kee ilaalee si madaala, si beeka. Ogeessi hubatee raawwachuuf malee ilaalee dubbachuuf hin ariifatu.

➛ Kennaan nama hundaa adduma addaan uumamaan waan nuuf laatametu nu waliin guddatee hojiidhaan muldhata. Hundi immoo kennaa isaa kana itti hin fayyadamu. Inni biraan immoo kennaa isaa kana daran bilcheessuf iyyuu hedduu tattaafata.

➛ Namni kamuu waan uumamaan kennameef ni qaba. Addunyaa jijjiiramaa keessa waan jirruuf waan dabalataan argannuu fi kan dhabnuuf kan dagannus jiraachuu mala.

➛ Ogeessi namaa isa uumamaan qabu irrattis dabalatee isa of dagate of yaadachiisa. Ogummaa dhaalchisa. Ogeessi arraba tola fuula ifa, hundaan walii gala. Garuu, yaada guduunfata. Of hooggana. Ofiifis isa cinaa jiruufis of eeggata.

➛ Ogeessi amala tola. Tooftaa ittiin injifatu, tooftaa ittiin waan yaadeef fedhe harkaan ga'atu, tooftaa ittiin galmas gahu cimsee beeka.

➛ Ogeessi namaa hin kufu. Karaattis hin hafu. Wacnii fi ilaalchi namaa isa hin hoogganu. Ogummaa sammuu isaatu isa hooggana.

Waa'ee Ogummaa kana caalaa namoonni dubbatan ni jiru. Ani ammuma kana dubbachuun fedhe. Ogummaa qabdan kunuunfadhaa! Itti fayyadamaa! Of irra darbaatii obboloota keessanis ittiin fayyadaa.

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ