🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Mindaa Ofitti Amanamummaa Dhabuu! ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➥ Ofitti amanamumm | GAGGEESSUMMAA

Mindaa Ofitti Amanamummaa Dhabuu!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Ofitti amanamummaa dhabuun waan qabatanii jiran nama harkatti fokkisiisuu irra darbee gatii hin malleen of nama sharafsiisa. Isa kan keetti dugda si gachisiisee kan ormaaf harka si kennisiisa. Harka hin kenniin! Kana yaadatti qabachaama, fakkeenya tokko waliin haa ilaallu.

■ Bara durii namoota sadiitu adamoof manaa bahan. Guyyaa guutuu olii gadi fiigaa turanii homaa tokkoyyuu hin arganne. Dadhabbii fi beela hammana hin jedhamneen waan hubamaniif fala osoma dhahaa jiranii, namicha gosaan warra guddaa kan hoolaa salgii isaatti baatee deemu tokko halaalatti argani. Isaan sadan keessaa tokko, "Namicha kana irraa humnaan hoolaa fudhannee qalannee nyaachuu qabna malee hin duunaa?" ittiin jechuun yaada dhiyeesseef. Yaada kanatti mataa isaa olii fi gadi sochoosuun gammachuun walii galuu isaa ibse inni tokko. Inni hafe immoo, "Hoolaa kana fudhannee akka nyaannu fedha nan qaba, garuu akkamittiin akka irraa fudhannuuf falli jira" jechaa fala sana isaaniif dhiyeesse.

■ Akkuma walii galtee isaanii gochuuf ka'ani. Karaa namichi irra darbu irra, fageenya murtaa'aan walirraa fagaatanii dhaabbatani. Inni jalqaba irra dhaabbatu namicha hoolaa baatee deemu sanaan, "Maali namichoo! Ati gosa warra guddaa taatee saree salgiitti baattee deemtaa? Namni biraan si argee osoo nama kolfaa si hin godhiin ofirraa darbi saree kana!" ittiin jedhe. Namichi inni hoolaa baatee deemu sunis, "Namichoo! Hoolaa fi saree adda baafatteeyyuu hin beektuu? Maraataa! Kan ani baadhee jiru hoolaa malee saree miti. Ana osoo hin taane situ saree baatee jira" jechuun bira darbee deeme.

■ Hoolaa isaa baatee osooma deemaa jiruu, bakka namicha lammataa gahe. Namichi karaarra dhaabbatee jirus hin callisne. Dabaree isaa, "Har'ammoo saree salgiitti baachuutu eegalamee,...safuu! Oollee bullee, waan hedduu arginee dhageenya. Maal taatee jirta namana?" yeroo jedhuunii, kan hoolaa baatee jiru sun akka duraa ija jabaatee ifachuu hin dandeenye. Ifachuu dhiisuurra darbee iyyuu nahee jira. Miira sodaa makateen, harka isaan qaqqabachaa hoolaa ofirratti ilaalaa, "Hoolaa mitimoo kanan baachaa jiru? Hoolaa! Sareen kana hin fakkaattu" jedhee bira darbee deeme.

■ Shakkiin baay'ee humna isaa irratti godhatee jira. Hoolaa fi saree ta'uu adda baafachuuf ofitti odeessaa deema. Isaa akkanaan jirutu nama sadaffaa bira gahe. Kan sadaffaan sunis, "Maaliif maqaa warra kee warra guddaa nyaatta? Saree baattaa? Isayyuu salgiitti! Osoo namni biraan sin argin lafa buusii badi!" jedheen. Kana dhaga'ee qilleensa jidduu hin galchine kan inni hoolaa lafa buusee fiigichaan qajeele. Akkanaan hoolaa isaanii fudhatanii galani.

▷ Barbaachisummaa waan baatee jiruu dhabuun isaa hoolaa isa dhabsiise. Hoolaa ta'uu isa wallaalchisee salphina sareen saalfachiise. Kun miindaa waan qabatee jiru wallaaluu, miindaa ofitti amanamummaa dhabuu isaati.

▷ Akka hin daganne! Hiree kee sumatu ofiif murteeffata. Eeyyeen sumatu! Gatiin kees madaala keen murtaa'a. Ofitti amanamummaa hir'attee caarataa ofirratti hin baasiin. Gatii salphaan kan si sharafuuf qophaa'ee jiru hedduu ta'uu mala. Isa manaa baateef duubatti hin deebi'in! Isa harkatti qabattee jirtus sirriitti beeki! Ofitti amanamummaa dhabdee warqee harka keerra jiru hin darbatiin! Ofitti amanamummaa kee cimsadhu!

Harka hin kenniin!

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ