🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

ARAADA JAALATAMAA! ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➥ Araada tokkoon wal haa barru. A | GAGGEESSUMMAA

ARAADA JAALATAMAA!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Araada tokkoon wal haa barru. Araada baay'een ittiin rakkatu irraa adda. Araada aara hin qabne, araada jaalatamaa! Araada kanaan qabamuun carroomuudha. Namni araada kanaan qabame sadarkaa itti aanutti darbuuf tattaafata malee dhiisuuf yaalii hin godhu.

➛ Araada jaalatamaa! Abbaa irraa ilmatti, hangafaa quxisuutti, kan duraa irraa kan dhufutti osoo darbee daandii mil'uu gara kaleessaa, sakatta'iinsa isa har'aa fi mul'ata boruu ta'uun dhalootaaf miidhagina hiixata.

➛ Eeyyeen! Nama irraa namatti yoo darbe dhiibbaan isaa ba'aa osoo hin taane bu'aa buusa, qara baasa, daba sirreessa, dhangaa nyaataa fi dhugaatii ta'uun dheebuu fi beela bakkaa kaasa. Araadichi araada jaalatamaadha!

➛ Nama araada kanaan qabamee fi hin qabamne jidduu garaagarummaa mul'ataatu jira. Araada jaalatamadha... kanaafi! Bu'aan araada kanaa arraba gabaabsa, afaan dhiphisa, sammuu immoo daran bal'isa.

➛ Eeyyeen wallaalaa beekaa godha, beekaa immoo ittuma qara. Keessa namaa haaressuun fakkaattii alaa jijjiira. Quba namatti qabbii hir'isuun, of beekuu fi sakatta'iinsa keessa namatti dhiyeessa. Of nama barsiisa! Kan of bare immoo, ofiifis ta'ee hawaasa keessa jiraatuuf jal'isii ta'ee kan goge jiisaa, kan jiidhe immoo lalisiisa malee, lolaa ta'ee kan jiru balleesssuun abdii namaa hin golgoleessu.
Araada jaalatamaa!
➢ Araada dubbisuu sana.
➢ Araada dubbisaa!


➛ Namni dubbisus isa hin dubbifne irraa adda. Dubbisaan dubbii tola; hammi dubbatus faara tolaan namaa liqimfama. Dubbiin isaas akka damma daamuuti; dhaggeeffataan 'dhaggeeffadhuu' malee dhaggeeffachuuf dirqamama. Dubbisaan waan dubbatu beeka, waan beeku dubbachuufis sodaan hin moo'atamu. Hayyee, araada dubbisaa haa horannu!

Haa dubbifnu!

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ