🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Jireenya keetiif yoo yaadde eeggannoodhaan jiraadhu! Dirqama k | Getu Official

Jireenya keetiif yoo yaadde eeggannoodhaan jiraadhu!
Dirqama kee bahachaa, mirga keetiin jiraadhu! Dursa daandii si baaftu gaarummaa ishee xiinxalii ilaali! Itti seente taanan karaan ittiin keessaa baatu jiraachuu dhabuu mala. Yookiin immoo gatii guddaa si baasisa. Jireenya ofiitiin taphachuu akka hin taaneef, murteessii wanta gochuun sirraa eegamu hundumaa godhi! Akeekkadhu! Namni biraa jireenya mataa keetii siif jiraachuu hin danda'u. Mataa keetti amanii waan gaarummaa siif qabu filadhu! Gorsi namaa hamma fedhe yoo si gargaare illee waan siif ta'uu fi karaa si baasu eenyuma caalaa situ beeka; situ ofharkaa qabas.

1. Amantii kee eeggadhuu jiraadhu:- Wanti hunduma caalaa iddoo kennituuf maali laata?
Gadda keessatti gammachuu, kophummaa kee keessatti siif jira kan jedhu, iddoo namni siif birmatu dhabamutti, amantiidhaan gara uumaa keetti iyyattee jajjabeessaa kee waliin haasofta. Kanaaf amantii kee eegi! Jabeessii qabadhu!

Ammas dhuma irratti wantin siif barreessee xumuruu barbaadu yoo jiraate, filannoo kee si qofatu beeka, namni hiree kee siif murteessuu hin danda'u. Ofiin mari'adhuu dandeettii fi yaada, karoora kees itti dabalii galmeeffadhuu adeemsa jalqabi! Milkaa'inni komii hin qabne inni si qofaan mul'achuu danda'u harka kee keessa.
Eebbifamaa #share


@Getu_Official
@Getu_Official