🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

'KARAAN HIN JIRU' Hin Jedhin! ▬▬▬▬▬▬▬ 'Karaa malee adeemuun hi | Getu Official

"KARAAN HIN JIRU" Hin Jedhin!
▬▬▬▬▬▬▬
"Karaa malee adeemuun hin danda'amu. Dhugaa malee waa beekuun hin danda'amu. Jireenya malee jiraachuun hin danda'amu."
Thomas A. Kempis

➠ Haala akkana jedhu irratti xiyyeeffattee akkas jettee, "Kun karaan ittiin ta'u hin jiru?" Tarii jechoonni kuni sammuu kee keessa jiru:
• Karaan ittiin dhiibbaa hojii too'achuu danda'u hin jiru.
• Karaan ittiin maallaqa ji'aa kanfaluu danda'u hin qabu.
• Karaan ittiin gaa'ela koo oolfachuu danda'u hin jiru.
• Karaan ittiin ijoolleen koo guddatanii itti gaafatamummaa dargaggummaa irra gahan hin jiru.
• Karaan ittiin mana koo qulqulleessuu fi qajeelchuu danda'u hin jiru.
• Karaan ittiin hojii (business) mataa koo koo banadhu hin jiru.
• Karaan ittiin gara koollejjii danda'ee deebi'ee dhaqu umurii kanaan hin jiru.
• Karaan ittiin ulfaatina hir'isuu danda'u hin jiru.

➠ Akka ati beekuu barbaaddu kanan barbaadu yeroo hundumaa karaan jira. Tarii salphaa ta'uu dhiisuu danda'a; amansiisaa ta'uu dhiisuu danda'a; ariitiin siif dhufuu dhiisuu danda'a. Tarii atis irraa adeemuu, bira darbuu, tuffachuu dandeessa. Garuu tasgabbooftee adeemsa kee itti yoo fufte, abdii kutannaa keessaa yoo baate, karicha barbaaduu ni dandeessa.

➠ Akka ati waadaa ofiif galtu nan barbaada. Waadaa ofiif gali kana booda, "Karaan Hin Jiru" akka hin jenne. Dhugaan jiru yoo karaan waan hin jirre fakkaateyyuu Waaqa waliin karaan ni jira.

➠ Yoo ati kristiyaana lammaffaa dhalate taate, hafuurri Waaqayyoo si keessa jiraata. Kalaqni addunyaa kanaa guutuun isa keessa buufatee jira. Sababa inni si keessa buufatee jiruuf, kalaqa sana hundumaatti fayyadamuu dandeessa. Hafuurri Waaqayyoo kallattii ati yaaddu caalatti karaa sitti argisiisuun waan ati yaadde caalaa gochuu akka dandeessu si taasisa.

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι



sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ