🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

. KRISTAANUMMAAN MAALI? ➥ Kiristaanummaan yeroo baay’ee jir | Getu Official

.

KRISTAANUMMAAN MAALI?


➥ Kiristaanummaan yeroo baay’ee jireenya cubbuu
hin qabne yookiis jireenya cubbuu irraa of qabuu
nutti fakkaata.

➱ Kiristaanni cimaan, nama cubbuu hin hojjenne jedhamee yaadama. Jireenyi kiristaanummaa cubbuu irraa of qabuu irratti hin dhaabbatu, isaanis hin daanga’u.

➱ Kiristaanummaan jireenya yeroo hundaa gara Yesus Kiristoositti guddatudha.

➱ Cubbuu dhiisuu qofaan kiristaana nama hin godhu, garuu erga dhiisneetii gara dhugaa Yesus Kiristoositti guddachuu qabna. Jireenya kiristaanummaa kan ittiin ibsuu
dandeenyu sagalee Gal. 2:20 irra jiruuni. Jireenyi kirstaanummaa, jireenya anaa fi ati jiraannu osoo hin taane, jireenya Yesus Kiristoos nu keessaan jiraatudha. Jireenya keenya keessatti kan argamu Yesus ta’uu qaba malee kan biraa miti.

◈ Yeroo baay’ee jireenyi kiristaanummaa namoota
baay’ee kan rakkisuu fi takka takkas, harkatti hiika kan dhabudha. Gaaffii fi yaaddoon guutuu, rakkinaa fi bu’aa ba’iidhaan kan jiraatamu, lola foonii fi hafuuraan kan guutame akkasumas dirqamaan jireenya jiraatamu ta’ee argama. Garuu jireenyi
kiristaanummaa kan Yesus kiristoos itti nu waame, jireenya haalaa fi yeroon hin daangoofne, lolli jiraatus, jireenya moo’ichaa, bu’aa ba’iin jiraatus jireenya gammachuu fi akkasumas jireenya guddummaan
Waaqayyoo keessatti mul’atuudha.

➱ Kiristaanummaan jireenya nun itti cubbuu irraa of qabuuf yeroo keenya, yaadaa fi lolaan balleessaa oollu osoo hin taane, jireenya gara Yesus Kiristoosiin fakkaachuutti
guddannudha. 1Qor 11:1

◈ Har’a, kiristaanummaan, Waldaa dhaquudhaan
kan daanga’uu fi tajaajilaan kan murteeffamu ta’ee mul’ata. Garuu kiristaanummaan jireenya dhuunfaa, kan namni tokkoo fi Waaqayyo itti wal beekaniidha. Kana jechuunis, kiristaanni tokko kiristaana ofiin jechuu kan danda’u hariiroo inni qofaa isaatti Waaqayyoo wajjin qabuunidha. Kun immoo waldaa dhaquu qofaan yookaan immoo tajaajilaan kan argamu miti. Kiristaanummaan Hariiroo amanaan tokko qofaa isaatti Waaqayyoo wajjiin jabaatee jiraatudha. Mul 3:20

➱ Kiristaanummaan jireenya cubbuu irraa of qabuutti dhiphachuu miti.

➱ Jireenya waldaa dhaquu qofaan daanga’u miti! Jireenya Waaqayyo duratti, "ani akkasi…" jedhanii of argisiisuu miti.

➱ Jireenya "waggaa fi yeroo hamma kanaa tajaajileera." jedhamee ittiin of jajamuu miti.
Jireenya dirqiidhaa fi sodaadhaan jiraatamu miti. Jireenya gochaa yookiin hojii miti.

➱ Kiristaanummaan eenyummaadha, jireenya.
Hojiin eenyummaa booda dhufa. Kiristaanummaan jireenya Hafuura Qulqulluun
gaggeeffamnee, gara fakkaattii Yesus Kiristoositti guddachuuti.
Galatoomaa!

sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Getu_Official
@Getu_Official
ᴊᴏɪɴ