Get Mystery Box with random crypto!

➨ Waaqayyo barsiisaa fi qajeelchaa keenya isa jiruu fi jiraatu | Getu Official

➨ Waaqayyo barsiisaa fi qajeelchaa keenya isa jiruu fi jiraatudha. Nuti lafa kana irra jiraachuun keenya tokkoo tokkoo keenyaaf faayidaan inni qabu yoo jiraate wal barsiifnee, wal hubachiifnee gara qajeelinaatti wal deebisuudha. Gara of beekutti wal deebifna.
Uumaa ofii beekuun of beekudha. Namni uumaa isaa hin beekne nama uumamuu isaa dagatedha. Ogummaan jalqabaa Waaqayyoon sodaachuu akka ta'e caaffata qulqullaa'aa irraa nutti hima. (Fak. 1:7).

❏ Walbira jiraachuun keenya yoo barbaachise hir'uu walii guutuu fi wal utubuun karaa qajeelaa irra walgaggeessuufi dha.

❏ Bara keessa jirru kanatti namoonni Waaqayyoon sodaachuu dhiisanii gara fedhii isaanii guuttachuutti luucca’aniiru. Fedhiin karaa dalgaatiin natti haa toluu qofaan guuttannu faayidaa isaa irra miidhaa isaatu caala. Waaqayyo waaqa irraa nu ilaalee gaddeera. Mee kottaa tokko taanee garaan Waaqayyoo akka nutti gammadu goona. Yaada hamaadhaan wal hiinee, qormaataaf hamma walqopheessinu, milkaa'ina waliif hawwina. Maqaa sabummaatiin, amantaadhaan walqooduu dhiifnee jireenya dhugaa waaqayyo nuuf kenne karaa dhugaadhaan jiraanna. Dubbii sagalee waaqayyoo teenyee dubbifanna.

❏ Addunyaan kuni kan nutti kennamteef, akka hooggannuufi malee akka isheedhaan hogganamnuuf miti! Akka irratti walqoqqoodnuu fi jibba facaafnuufis miti.

❏ Kaayyoo itti waamama isaanii dagatanii baay'een manca'aniiru. Warqeen addunyaa kana irraa walitti qabamee bituu kan hin dandeenye dhalli namaa baay'een kufeera. Kanneen jiranittis wanti baay'een itti bitaacha'eera. Jireenya fuuldura isaa dagatee baay'een haala har'a muldhatuun qabamee abdii kutatee maratee rafa. Dammaqi! Abdii dukkanaa'etti ifa baasuu kan danda'u Waaqni jira. Akka dukkanaa'uu hin dandeenyetti aduun bari'uuf jirti! Ammuma irraa jalqabii jijjiiramaaf of qopheessi!

Getu Abera
Hagayya 04, 2013


@Getu_Official
@Getu_Official