🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

'Balbala Ati Ofitti Cufte Eenyuyyuu Sirraa hin Banu!' ➱ Jiree | Getu Official

"Balbala Ati Ofitti Cufte Eenyuyyuu Sirraa hin Banu!"

➱ Jireenya barbaadde jiraachuuf wal'aansoon injifachuu si barbaachisu inni jalqabaa sammuu kee jecha "nan danda'a, humna guutuun qaba" jettee ofii kee moo'achuu danda'uu dha. Humni keessa keetii bahu dhiibbaa gama alaatiin sitti dhufuu malu kamiyyuu injifachuu si dandeessisa. Balbala ati ofitti cufte eenyuyyuu sirraa hin banu. Furtuun isaa harka kee keessa jira.

➘ Haala keessa jirtu jijjiiruu barbaaddaa?
➘ Rakkoo si mudate injifachuu barbaaddaa? Yoos qorichi yookiin falli ati barbaaddu kan biraan akkasumas namni ati eegdu kan biraan tasa hin jiru.
➘ Na amani! Falli yookiin furmaatni isaa siifi si qofa. Ati jechuudha; innumti barreeffama kana dubbisaa jirtu kun suma dha.
➘ Barbaadii of argadhu!


@Dirree_Yaadaa
@Dirree_Yaadaa