Get Mystery Box with random crypto!

✧ Namni dogoggora namaa barbaadaa oolu ofii isaa argee of sirr | Getu Official

✧ Namni dogoggora namaa barbaadaa oolu ofii isaa argee of sirreessuuf yeroo hin qabaatu! Kun baay'ee keenya irratti mul'ata quba namatti qabu malee akka quba of hin qabne taasisee jira!
Nama arguu irra of arguutu qaroomina ta'a.

✧ Namni of arge qaawwa namaa lakkaa'uu dhiisee ol deebi'ee qaawwa jireenya isaa cufata. Namni akkam? jechuu irra ani akkam? Maalin fakkaadhaa? jedhanii dursa of ilaaluu wayya.

✧ Caaffata qulqullaa'aa keessatti Fariisonni fakkeenya namoota of hin argineeti. Fariisonni barsiisota amantaa warra seera beekna, seera eegna, seeran qulqulloofna jedhanii dha. Fariisonni yeroo hunda xiyyeeffannoon isaanii ala isaanii irratti!

✧ Waa'ee keessa namummaa isaaniif dhimma tokko hin qaban. Karaa alaa baay'ee bareedu, uffata gad dhedheeraa uffatu, yeroo eeganii dhiqatu; garuu keessa isaanitti hammeenya yaadu, namaaf jaalala hin qaban, cubbamaa dhagaa dhaan ajjeessuu barbaadu.

✧ Waaqayyoo laphee oftuulummaan keessa guute baay'ee jibba; kanaaf Fariisota nuti qulqulluudha, ofumaan qulqulloofna, seera eegnee qulqulloofna jedhan irra ejjituu cubbuu ishee beektee miilla Yesus jalatti kuftee dhiifama isa gaafattetu araaraa fi dhiifama argatee deeme.

✧ Of arguu dadhabuu fi oftuulummaan dhibee isa hamaa dha.

✧ Egaa jireenyi, nama arguun dura of arganii Waaqayyotti dadhabinaa fi eenyummaa ofii agarsisu dha. Nama of argetti Waaqayyo ni araarama.

✧ Waaqayyo jalqabatti nama of argee fuula isaatti gad of deebisu barbaada!
Akka of arginu waaqayyoo nu haa gargaru, ija keenya haa banu!


sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ
@Getu_Official
@Getu_Official
ᴊᴏɪɴ